Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Dandeettii Kallattii Beekuu Boombii Faltii

Dandeettii Kallattii Beekuu Boombii Faltii

FALTIIN, boombii faltiitiif faayidaa hedduu qaba. Ni sooratu, akkasumas keessatti buphaa buusu. Boombiin faltii kormaanimmoo ishee dhaltuu harkisuuf jecha guddaasaa akka kennaatti kennaaf. Faltii hoʼaa argachuuf dorgommii cimaa godhu. Yeroo tokko qorattoonni, boombiiwwan 16,000 taʼan tuullaa faltii arbaatti duudanii saʼaatii lama keessatti yeroo fixan arganiiru.

Gosti boombii faltii tokko tokko, faltii sana bifa kubbaatiin tolchanii, tuullaa faltii sanarraa gangalchanii fuudhanii deemuudhaan, biyyoo keessa awwaalu. Boombiin kun, faltii bifa kubbaatiin tolche daandii qajeelaarra konkolaachisa; kana kan godhus saffisaan deemuu akka dandaʼuufi kubbaansaa kun boombiiwwan faltii kaaniin akka jalaa hin hatamneefidha.

Haataʼu malee, boombiin faltii keessumaa yeroo halkaniitti ofirra akka hin naannofne kan isa gargaaru maalidha?

Mee yaadi: Qorannaan kanaan dura godhame boombiiwwan faltii ifa aduu ykn ifa addeessaatti fayyadamanii kallattii baruu akka dandaʼan argisiisa; haataʼu malee yeroo ifni addeessaa hin jirrettillee daandii qajeelaarra deemuu ni dandaʼu. Boombiiwwan kun kana gochuu kan dandaʼan tokkoon tokkoon urjiilee ilaaluudhaan utuu hin taʼin, ifa gaalaaksii Miilkii Weeyirraa maddutti fayyadamanii akka taʼe qorattoonni Afriikaa Kibbaa bira gaʼaniiru. Barruun Karant Baayooloojii jedhamu akka ibsetti, kun “Miilkii Weey gaalaaksiin bineeldi kallattii akka beeku akka fayyade yeroo itti galmeeffame isa jalqabaati.”

Qorataan Maarkas Barn jedhaman, boombiin faltii “sirna ilaaluudhaan kallattii baruuf gargaaruufi ifa urjii xinnoo taʼe keessatti dandeettii sammuusaanii keessaa muraasatti qofa fayyadamuudhaan hojjechuu dandaʼu” qabu jedhaniiru. Itti fufuudhaanis, “Kanaaf rakkina wal xaxaa ilaaluu wajjin walqabate hiikuurratti ilmaan namootaa barsiisuuf dandeettii qabu” jedhaniiru. Fakkeenyaaf, akkaataa boombiin faltii kallattii itti beeku hordofuudhaan, roobootiin tokko gamoo jige jalaa waa barbaaduu akka dandaʼu godhanii hojjechuun ni dandaʼama taʼa.

Maal sitti fakkaata? Dandeettiin boombiin faltii kallattii beekuuf qabu jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni kana tolche jira?

Kana beektaa?

Boombiin faltii biyyoo ni laaffisa, ni gabbisa, sanyii biqiltootaa ni tamsaasa, akkasumas baayʼina ilbiisotaa ni toʼata.