Fakkeenya 1:1-33

  • Kaayyoo fakkeenyotaa (1-7)

  • Miidhaa michummaa gaarii hin taanee (8-19)

  • Ogummaa dhugaan addabaabayii irratti iyyiti (20-33)

1  Fakkeenya Solomoon,+ isa ilma Daawitii+ fi mootii Israaʼel+ taʼe sanaa:   Kunis, ogummaa+ fi adaba barachuuf,*Dubbii ogummaa hubachuuf,   Adaba+ hubannaa,Qajeelummaa,+ murtii gaarii*+ fi qajeelina argamsiisu argachuuf,   Warra muuxannoo hin qabneef abshaalummaa+ argamsiisuuf,Dargaggeessaaf beekumsaa fi dandeettii yaaduu+ argamsiisuuf gargaara.   Namni ogeessi ni dhagaʼa, barumsa dabalataas ni argata;+Namni hubataan qajeelfama gaarii* ni argata;+   Kunis fakkeenyaa fi dubbii dhokataa,Dubbii ogeeyyii fi hibboo isaanii hubachuuf gargaara.+   Yihowaa sodaachuun* jalqaba beekumsaa ti.+ Gowwoonni garuu ogummaa fi adaba ni tuffatu.+   Yaa ilma koo, adaba abbaa keetii dhagaʼi,+Barumsa* haadha teetiis hin dhiisin.+   Isaan mataa keetiif gonfoo bareedaa,+Morma keetiifis faaya miidhagaa dha.+ 10  Yaa ilma koo, cubbamoonni si sossobuuf yaalii yoo godhan, tole hin jedhin.+ 11  Isaan akkana yoo siin jedhan tole hin jedhin: “Nuu wajjin kottu. Dhiiga dhangalaasuuf riphnee haa eeggannu. Warra balleessaa hin qabne sababii malee miidhuuf dhokannee eegganna. 12  Akkuma Awwaalaatti* utuma lubbuudhaan jiranii isaan liqimsina,Isaanis akkuma gara boollaatti gad buʼanitti guutummaatti ni liqimfamu. 13  Qabeenya isaanii warra gatii guddaa qaban hunda haa fudhannu;Mana keenyas boojuudhaan ni guuttanna. 14  Nutti makami,*Hundi keenyas wanta hanne qixxeetti ni hiranna.”* 15  Yaa ilma koo, isaan duukaa hin buʼin. Miila kee daandii isaanii irraa fageessi,+ 16  Sababiin isaas, miilli isaanii hammina raawwachuuf fiiga;Isaanis dhiiga dhangalaasuuf ariifatu.+ 17  Utuma ishiin argituu simbirroo tokko duratti kiyyoo* diriirsuun dhugumaan gatii hin qabu. 18  Namoonni kun dhiiga dhangalaasuuf riphanii kan eeggatan kanaafi;Isaan lubbuu warra kaanii balleessuuf dhokatanii eeggatu. 19  Daandiin warra faayidaa sirrii hin taane argachuu barbaadanii kana dha,Wanti isaan argatanis lubbuu isaanii isaan dhabsiisa.+ 20  Ogummaa+ dhugaan daandii irratti sagalee ishii ol kaastee iyyiti.+ Addabaabayii keessattis sagalee ishii ittuma dabaltee iyyiti.+ 21  Ishiin golee* daandiiwwan namni itti baayʼatutti ni iyyiti. Balbaloota karra magaalattii irrattis akkana jetti:+ 22  “Isin warri muuxannoo hin qabne hamma yoomiitti muuxannoo dhabuu jaallattu? Isin warri qoostan hamma yoomiitti qoosaatti gammaddu? Isin gowwoonnis hamma yoomiitti beekumsa jibbitu?+ 23  Adaba koo fudhadhaa.*+ Anis hafuura koo isiniif nan dhangalaasa;Dubbii koos isin nan beeksisa.+ 24  Ani isinan waame, isin garuu ni diddan,Harka koo nan diriirse, taʼus namni tokko illee xiyyeeffannaa hin kennine,+ 25  Gorsa koo hundumaa ni tuffattan,Adaba koos ni diddan, 26  Anis yommuu balaan isin irra buʼu isinittan kolfa;Yommuu wanti sodaattan isin irra gaʼu isinittan qoosa,+ 27  Yommuu wanti sodaattan akkuma obomboleettiitti isinitti dhufu,Yommuu badiisni keessan akkuma obomboleettii cimaatti isin irra gaʼu,Yommuu dhiphinnii fi rakkinni isin irra buʼu isinitti nan qoosa. 28  Yeroo sanatti isaan irra deddeebiʼanii na waammatu, ani garuu deebii isaaniif hin kennu;Dhimmanii na barbaaddatu, garuu na hin argatan,+ 29  Sababiin isaas, isaan beekumsa jibbaniiru,+Yihowaa sodaachuus hin filanne.+ 30  Gorsa koo didaniiru;Adaba koo hundumaas tuffataniiru. 31  Kanaafuu, isaan miidhaa daandiin isaanii isaanitti fidu ni baatu,*+Gorsa* ofii isaaniitiinis akka malee ni quufu. 32  Sababiin isaas, warri muuxannoo hin qabne addaggummaan isaanii isaan ajjeesa,Gowwoonni dantaa dhabuun isaanii isaan balleessa. 33  Namni na dhagaʼu garuu tasgabbiidhaan jiraata,+Balaan na irra gaʼa jedhees hin jeeqamu.”+

Miiljaleewwan

Kal., “beekuuf.”
Ykn., “wanta haqa taʼee.”
Ykn., “qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼe.”
Ykn., “Yihowaadhaaf kabaja guddaa qabaachuun.”
Ykn., “Seera.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “korojoo tokko ni qabaanna.”
Ykn., “Carraa kee nuu wajjin buufadhu.”
Kal., “saaphana.”
Kal., “mataa.”
Ykn., “Yommuun isin adabu deebiʼaa.”
Kal., “firii daandii isaanii ni nyaatu.”
Ykn., “Mala; Tooftaa.”