Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maarqos Abdii Hin Kutanne

Maarqos Abdii Hin Kutanne

Ijoollee Keessan Barsiisaa

Maarqos Abdii Hin Kutanne

MAARQOS jireenya Yesus ilaalchisee kitaabota Macaafa Qulqulluu keessaa isa tokko barreesseera. Kitaabnisaa Wangeelota keessaa isa gabaabaafi dubbisuuf salphaa kan ta’edha. Maarqos eenyudha? Maarqos Yesusiin kan beeku sitti fakkaataa?— * Qorumsa jabaa isarra ga’eefi Kiristiyaana abdii hin kutanne maaliif akka ta’e haa ilaallu.

Maqaan Maarqos Macaafa Qulqulluurratti jalqaba kan caqasame, erga Herodis Agriiphaa Mootichi Phexrosiin mana hidhaa galchee boodadha. Gaaf tokko ergamaan Waaqayyoo Phexrosiin mana hidhaatii erga baasee booda, Phexros yeruma sana gara mana haadha Maarqos ishee Maariyaam jedhamtuufi Yerusaalem jiraattuu dhaqe. Phexros kan gadhiifame, erga Yesus Dh.K.B. bara 33⁠tti ajjeefamee waggaa kudhan boodadha.—Hojii Ergamootaa 12:1-5, 11-17.

Phexros gara mana Maariyaam maaliif akka dhaqe beektaa?—Tarii, miseensota maatiishee waan beekuufi bartoonni Yesus manasheetti walga’ii akka godhan waan beekuuf ta’uu danda’a. Durbii Maarqos kan ta’e Barnaabaas yoo xinnaate Ayyaana Phenxeqostee Dh.K.B. bara 33⁠tti kabajamee jalqabee yeroo dheeraadhaaf barataa Yesus ture. Macaafni Qulqulluun, Barnaabaas yeroo kanatti bartoota haaraa gargaaruuf arjummaa argisiisee akka ture ibsa. Kanaafuu Yesus, Barnaabaasiin, adaadaasaa Maariyaamiifi ilmashee Maarqosiin beekuu hin oolu.—Hojii Ergamootaa 4:36, 37; Qolosaayis 4:10.

Maarqos Wangeelasaa keessatti, galgala Yesus itti qabametti dargaggeessi ‘wayyaa tokko duwwaa dhagna isaatti olbate’ tokko achi akka ture barreesseera. Yeroo diinonni Yesusiin qaban dargaggeessi kun akka baqates ibseera. Dargaggeessi sun eenyu ta’uu danda’a jettee yaadda?—Maarqos ta’uu hin oolu! Kanaafuu ennaa Yesusiifi ergamoonnisaa galgalaan bakka ayyaana Faasikaa itti kabajanii ba’anii deeman, Maarqos dafee uffatasaa ofirra buusee isaan duukaa bu’e.—Maarqos 14:51, 52.

Dhugumayyuu Maarqos tajaajiltoota Waaqayyoo wajjin ta’uuf carraa hedduu waan argateef, dhimmawwan barbaachisaa kaayyoo Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qaban ilaalchisee dhugaa ba’uu ni danda’a ture. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti yeroo hafuurri qulqulluun bu’e achitti argamuu waan hin oolleef, tajaajiltoota Waaqayyoo warra amanamoo ta’an, kan akka Phexrosii wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba ture. Kana malees, durbiisaa Barnaabaas wajjin kan ture yommuu ta’u, Barnaabaasimmoo erga Yesus Saa’olitti mul’atee waggaa sadii booda Saa’oliifi Phexrosiin wal barsiisuudhaan Saa’oliin kan gargaare ture. Waggoota booda Barnaabaas Phaawulsosiin akka argatuuf Xarseesitti ergame.—Hojii Ergamootaa 9:1-15, 27; 11:22-26; 12:25; Galaatiyaa 1:18, 19.

Barnaabaasiifi Saa’ol Dh.K.B. bara 47⁠tti hojii misiyoonummaatiif filatamanii turan. Maarqos isaanii wajjin akka deemu kan godhan ta’uyyuu, booddee sababii hin ibsamneen isaan dhiisee gara Yerusaalemitti deebi’eera. Saa’ol inni boodarratti maqaa Roomaa Phaawulos jedhuun waamames kun ta’uusaatti baay’ee aare. Phaawulos dogoggora cimaa Maarqos raawwateera jedhee yaade kana bira hin darbine.—Hojii Ergamootaa 13:1-3, 9, 13.

Phaawulosiifi Barnaabaas adeemsa misiyoonummaasaaniitii yeroo deebi’an gabaasa nama gammachiisu dhiheessan. (Hojii Ergamootaa 14:24-28) Ji’oota booda, lamaansaanii bartoota haaraa bakka itti lallabanitti argatan deebi’anii daawwachuuf karoorfatan. Yommuu Barnaabaas Maarqosiin fudhatee deemuu barbaadetti Phaawulos maal akka yaade beektaa?—Maarqos kanaan dura isaan dhiisee gara manaa waan deebi’eef, isa fuudhanii deemuun ‘akka isaaniif hin taane’ itti dhaga’ame. Maarqos wanta ittaansuudhaan ta’etti baay’ee akka aare beekamaadha!

Phaawulosiifi Barnaabaas gidduutti lolli guddaan kan uumame yeroo ta’u, ‘waliin morkiin waan ka’eef’ gargar ba’an. Barnaabaas Maarqosiin fudhatee lallabaaf gara Qophros kan dhaqe yommuu ta’u, Phaawulosimmoo Siilaasiin filatee akkuma karoorfatanii turan namoota dhihootti bartoota ta’an sana daawwachuu dhaqe. Maarqos Phaawulosiifi Barnaabaas sababiisaatiin walitti bu’usaaniitiin baay’ee akka dhiphate beekamaadha!—Hojii Ergamootaa 15:36-41.

Maarqos sanaan dura gara manasaatti maaliif akka deebi’e hin beeknu. Kana gochuuf sababii ga’aa qabaachuu hin oolu. Kan ta’es ta’u, Barnaabaas Maarqos lammata wanta akkasii akka hin raawwanne mirkanaa’aa ture. Kunis dhugaa ture. Maarqos abdii hin kutanne! Booddee Phexrosii wajjin hojii misiyoonummaatiif manasaarraa fagaatee gara Baabilon dhaqeera. Phexros yaada, “Maarqos ilmi koos akkasuma nagaa isiniif in dhaama” jedhu dabaluudhaan Baabilonii nagaa ergeera.—1 Phexros 5:13.

Phexrosiifi Maarqos karaa hafuuraa walitti dhufeenya cimaa qabu turan! Wangeela Maarqos dubbisuudhaan kana hubachuu dandeenya. Phexros inni bara Yesusitti waan hundumaa hubachaa ture Maarqosiif ibsa tokko tokko akka kenne seenaa kanarraa hubachuun ni danda’ama. Akka fakkeenyaatti seenaawwan waa’ee qilleensa jabaa Galaana Galiilaarratti ka’ee ibsan walbira qabii ilaali. Maarqos, Yesus bidiricha keessa bakka kam rafee akka turefi maalirra akka rafe gadi fageenyaan kan ibse yommuu ta’u, kunimmoo wanta namni akka Phexros qurxummii qabu hubachuu danda’udha. Seenaawwan Maatewos 8:24; Maarqos 4:37, 38; fi Luqaas 8:23⁠rra jiran wajjin dubbisuufi wal bira qabnee ilaaluudhaan, kun dhugaa ta’uusaa ofuma keenyaaf maaliif hin mirkaneessinu?

Yeroo booda Phaawulos Roomaatti hidhamee ennaa turetti deggersa Maarqos amanamummaadhaan isaa godheef isa galateeffateera. (Qolosaayis 4:10, 11) Phaawulos ennaa yeroo lammataatiif achitti hidhamee tures Ximotewosiif, “Inni anaaf ergamuudhaan waa’ee anaaf in baasa” jedhee barreessuudhaan Maarqosin akka fiduuf isa gaafateera. (2 Ximotewos 4:11) Dhugumayyuu Maarqos abdii kutachuu dhiisuusaatiin mirgawwan tajaajilaa gurguddaa argateera!

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Ijoollee xixinnoo wajjin kan dubbistu yoo ta’e, bakki duwwaan kun takka turuu akka qabduufi ijoolleen yaadasaanii akka ibsan akka jajjabeessitu si yaadachiisa.

Gaaffiiwwan:

Maarqos eessa jiraata ture? Maarqos Yesusiin beeka jechuu kan dandeessu maaliifi?

Maarqosiin caalaatti kan gargaareefi kan deggere eenyudha?

Maarqos abdii kutachuuf sababii akkamii qaba ture?

Maarqos boodarratti Phaawulos biratti fudhatama akka argate akkamitti beekna?

[Fakkii fuula 27rra jiru]

Dargaggeessi kun eenyu ta’uu danda’a? Maal isa gochaa jiru? Maaliif?

[Fakkii fuula 28rra jiru]

Maarqos abdii kutachuu dhiisuusaatiin eebbawwan akkamii argate?