Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesusirraa Maal Baranna?

Yesusirraa Maal Baranna?

Waa’ee Waaqa Dhugaa

Yesusirraa Maal Baranna?

Waaqayyo maqaa qabaa?

Yesus, Waaqayyo maqaa akka qabu barsiiseera. Akkas jedhe: “Egaa yommuu kadhattan, ‘Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu.’” (Maatewos 6:9) Macaafni Qulqulluun maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka ta’e ibsa. (Faarfannaa 83:18, NW) Yesus waa’ee bartootasaa yommuu kadhatu Abbaasaatiin: “Maqaan kee isaan biratti akka beekamu godheera” jedheera.—Yohannis 17:26.

Yihowaan eenyu?

Yihowaan Uumaa waan ta’eef, Yesus, “Si Waaqayyo isa tokkicha” jedhee isa waameera. (Yohannis 17:3) Yesus: “Waaqayyo inni jalqabatti isaan uume ‘Dhiiraa fi dubartii akka uume’ hin dubbifnee ree?” jedheera. (Maatewos 19:4) Kana malees: “Waaqayyo hafuura” jedheera. (Yohannis 4:24) Kanaaf, Waaqayyoon arguu hin dandeenyu.—Ba’uu 33:17-20.

Waaqayyo nurraa maal barbaada?

Namni tokko abboommiin inni hundumaarra caalu isa kami jedhee yommuu isa gaafatu akkas jedhee deebiseef: “Inni hundumaa irra caalu, ‘Dhaga’i, yaa Israa’el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha. Atis Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta’a!’ Inni lammaffaan immoo; ‘Nama, akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a’! isa jedhu dha.”—Maarqos 12:28-31.

Waaqayyoon akka jaallannu akkamitti argisiisuu dandeenya?

Yesus:‘Abbaa nan jaalladha’ jedhee dubbateera. Jaalalasaa kana kan argisiise akkamitti? ‘akka abboommii Abbaan anaaf kennettis nan hojjedha’ jedheera. (Yohannis 14:31) Itti dabaluudhaanis: ‘Ani yeroo hundumaa kan isa gammachiisun hojjedha’ jedheera. (Yohannis 8:29) Waa’eesaa barachuudhaan Waaqayyoon gammachiisuu dandeenya. Yesus bartootasaatiif yeroo kadhatu: “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, . . . beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jedheera.—Yohannis 17:3; 1 Ximotewos 2:4 dabalii ilaali.

Waa’ee Waaqayyoo akkamitti barachuu dandeenya?

Isa beekuuf karaan inni tokko wantoota inni uume ilaaluudha. Fakkeenyaaf, Yesus akkas jedheera: “Simbirroota qilleensa keessa balali’an ilaalaa! Isaan hin facaasan hin haamanis gombisaattis hin galchan; garuu abbaan keessan inni waaqa irraa isaan in soora. Egaa isin immoo isaan irra guddaa hin caaltanii ree?” Yesus simbirrootarraa maal akka barannu barbaade? Yaaddoon wantoota jireenyaaf nu barbaachisaniif qabnu, Waaqayyoon tajaajiluu akka nu dhowwu heyyamuu hin qabnu.—Maatewos 6:26-33.

Karaan hunda caalaa Yihowaa beekuuf nu gargaaru, Macaafa Qulqulluu qayyabachuudha. Yesus Caaffata Qulqullaa’oo “dubbii Waaqayyoo” jedhee waameera. (Luqaas 8:21) Yesus, Waaqayyoon: “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera.—Yohannis 17:17; akkasumas 2 Phexros 1:20, 21 ilaali.

Yesus namoonni waa’ee Yihowaa dhugaasaa akka baran gargaareera. Bartoota Yesus keessaa tokko: “Yeroo inni karaatti nutti dubbachaa, macaafa keessatti kan caafames nuu ibsaa dhufe garaan keenya in raafame, mitii ree?” jedheera. (Luqaas 24:32) Waa’ee Waaqayyoo barachuuf, gad of deebisuufi barachuuf fedhii qabaachuu qabna. Yesus: “Deebitanii akka mucoolii yoo ta’uu dhaabaattan, mootummaa waaqaatti matumaa hin galtan” jedheera.—Maatewos 18:3.

Waaqayyoon beekuun gammachuu kan nuu argamsiisu maaliifi?

Kaayyoon jireenyaa maal akka ta’e baruun kan nu barbaachisu yommuu ta’u, Waaqayyommoo kaayyoon jireenyaa maal akka ta’e hubachuuf nu gargaara. Yesus: “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri ta’an haa gammadan” jedheera. (Maatewos 5:3) Yihowaan daandii jireenyaa isa hundaarra caalu nu barsiisa. Yesus, “dubbii Waaqayyoo dhaga’anii kan raawwatan haa gammadan!” jedheera.—Luqaas 11:28; Isaayaas 11:9 dabalii ilaali.

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Odeeffannoo dabalataaf, Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?* jedhamu boqonnaa 1 ilaali

[Fakkii fuula 13rra jiru]

* Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’e.

[Fakkii fuula 12rra jiru]

“Maqaan kee isaan biratti akka beekamu godheera.”—Yohannis 17:26

[Fakkii fuula 12rra jiru]

Uumamaafi Macaafa Qulqulluurraa waa’ee Yihowaa barachuu dandeenya