Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Marek M. Berezowski/Anadolu Agency via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Waraanni Yuukreen Waggaa Tokko Guute—Kitaabni Qulqulluun Abdii Akkamii Kenna?

Waraanni Yuukreen Waggaa Tokko Guute—Kitaabni Qulqulluun Abdii Akkamii Kenna?

 Jimaata, Guraandhala 24, 2023 waraanni Yuukreen erga jalqabee waggaa tokko guuta. Gabaasni tokko tokko akka argisiisutti loltoonni Yuukreenii fi Raashiyaa gara 300,000 taʼan duʼaniiru ykn madaaʼaniiru; lammiileen nagaa gara 30,000 taʼanimmoo waraanichaan akka ajjeefaman yaadama. Garuu lakkoofsi namoota duʼanii kanaa olis taʼuu dandaʼa.

 Kan nama gaddisiisu waraanni kun dhiheenyatti waan dhaabbatu hin fakkaatu.

  •   “Loltoonni Raashiyaa Yuukreen keessa erga seenanii gara waggaa tokkoo boodallee waraanni kun dafee akka dhaabbatu wanti argisiisu hin jiru. Biyyoonni lamaanuu waraanicha waan injifatan hin fakkaatu, yaada furmaataa lamaan isaaniiyyuu irratti walii galan argachuu waan dandaʼanis hin fakkaatu.”—NPR (National Public Radio), Guraandhala 19, 2023.

 Namoonni baayʼeen dhiphinaa fi rakkina waraanni kunii fi walitti buʼiinsi kan biroon namoota nagaa irraan geessisaniin kan kaʼe gadduun isaanii nama hin ajaaʼibsiisu. Maarree, Kitaabni Qulqulluun abdii akkamii kenna? Yeroon itti waraanni hin jiraanne ni dhufaa laata?

Waraana waraanota hunda balleessu

 Kitaabni Qulqulluun waraanni ilmaan namootaa balleessuu mannaa ilmaan namootaa oolchu tokko akka jiru dubbata. Waraanni kun Armaagedoon jedhama; Kitaabni Qulqulluun waraana kana “waraana isa guyyaa guddaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuutti godhamu” jedhee waama. (Mulʼata 16:14, 16) Waaqayyo waraana kanatti fayyadamee bulchiinsa ilmaan namootaa isa waraanota hedduudhaaf sababa taʼe ni balleessa. Waraanni Armaagedoon nagaa barabaraa kan fidu akkamitti akka taʼe caalaatti barachuuf mata dureewwan armaan gadii dubbisi: