Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kadhannaa Fakkeenya Taʼuu Wajjin Haala Wal Simuun Jiraadhaa—Kutaa 2

Kadhannaa Fakkeenya Taʼuu Wajjin Haala Wal Simuun Jiraadhaa—Kutaa 2

Abbaan keessan . . . waan isiniif barbaachisu in beeka.”—MAT. 6:8.

1-3. Yihowaan wanta nu barbaachisu akka beeku obboleettii tokkoof wanti mirkaneesse maali dha?

LAANAAN wanta bara 2012tti Jarmanii yeroo deemtetti ishee mudate hin irraanfattu. Kadhannaa dhiheessite keessaa lamaaf deebii akka argatte itti dhagaʼama. Kadhannaa isa jalqabaa kan dhiheessite baaburaan gara buufata xiyyaaraa utuu deemaa jirtuu ti. Dhugaa baʼuudhaaf carraa akka argattu Yihowaa kadhatte. Kadhannaa isa lammaffaa kan dhiheessite, buufata xiyyaaraa geessee, adeemsi ishee guyyaa lama booda akka taʼe yeroo itti himametti dha. Laanaan kadhannaa kana kan dhiheessite qarshii qabdu baayʼee isaa waan of harkaa fixxee fi iddoo turtu waan hin qabneefi dha.

2 Laanaan kadhannaa isa lammaffaa dhiheessitee utuu hin xumurin sagalee, “Laanaa, akkam jirta? Asii maal hojjeta?” jedhu dhageesse. Kan ishee dubbisaa ture dargaggeessa kanaan dura ishee wajjin barate dha. Dargaggeessi kun haadha isaa fi akkoo isaa wajjin kan ture siʼa taʼu, isaanis adeemsa inni gara Afriikaa Kibbaatti godhuuf isa geggeessuu dhufan. Haati isaa Eelk, haala Laanaan keessa jirtu erga hubattee booda isaanii wajjin akka turtu ishee afeerte. Eelkii fi haati ishee, Laanaa akka gaariitti kan keessummeessan siʼa taʼu, waaʼee amantii ishee fi waaʼee hojii isheen tajaajila yeroo guutuu keessatti hojjettuu ishee gaafatan.

3 Guyyaa itti aanutti ganama ciree gaarii erga nyaatanii booda, Laanaan gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluu hedduu kan isaaniif deebiste siʼa taʼu, deddeebii gaaffiin akka isaaniif godhamuuf teessoo isaanii fudhatte. Laanaan nagaadhaan gara biyya isheetti deebitee, qajeelchituu taatee tajaajiluu ishee itti fufteetti. Waaqni inni ‘kadhata namaa dhagaʼu,’ haala kana keessatti akka ishee gargaare isheetti dhagaʼama.—Far. 65:2.

4. Wantoota nu barbaachisan kam qorra?

4 Rakkinni tokko akka tasaa yeroo nu mudatu gargaarsa argachuuf kadhachuun nutti hin ulfaatu; Yihowaanis kadhannaa namoonni amanamoon dhiheessan akkasii gammachuudhaan dhagaʼa. (Far. 34:15; Fak. 15:8) Kadhannaa fakkeenya taʼu irratti kan xiinxallu yoo taʼe garuu, wantoonni caalaatti barbaachisanii fi dagachuu dandeenyu akka jiran hubanna taʼa. Fakkeenyaaf, kadhannaawwan sadan xumura kadhannaa fakkeenya taʼuu irratti caqasaman, wanta karaa hafuuraa nu barbaachisu akkamitti akka ibsan ilaali. Kadhannaa isa arfaffaa nyaata guyyaa guyyaadhaan nu barbaachisu argachuuf kadhannuu wajjin haala wal simuun jiraachuuf wanti nuti caalaatti gochuu dandeenyu jiraa?—Maatewos 6:11-13 dubbisi.

“NYAATA HARʼAAF NU BARBAACHISU NUU KENNI”

5, 6. Qabeenya gaʼaa kan qabnu yoo taʼe illee, nyaata harʼaaf nu barbaachisu argachuuf kadhachuu kan qabnu maaliifi?

5 Kadhannaan kun nyaata harʼaaf “na” barbaachisu utuu hin taʼin, nyaata harʼaaf “nu” barbaachisu kan jedhu taʼuu isaa hubadhaa. Viiktoor inni Afriikaa keessatti ilaaltuu ol aanaa aanaa taʼee tajaajilu akkana jedheera: “Anii fi haati manaa koo nyaata eessaa akka nyaannu ykn kiraa manaa kan nuuf kaffalu eenyu akka taʼe waan hin yaaddofneef Yihowaa nan galateeffadha. Obboloonni keenya yeroo hundumaa gaarummaadhaan kakaʼanii wanta nu barbaachisu nuu guutu. Haa taʼu malee, warri nu gargaaran gama dinagdeetiin dhiibbaa isaan irra gaʼu dandamachuu akka dandaʼaniif nan kadhadha.”

6 Nyaata yeroo baayʼeedhaaf nu gaʼu kan qabnu yoo taʼe illee, waaʼee obboloota hiyyummaa keessa jiranii ykn balaan isaan mudatee yaaduu dandeenya. Isaaniif kadhachuu qofa utuu hin taʼin, tarkaanfii kadhannaa keenyaa wajjin wal simu fudhachuu qabna. Fakkeenyaaf, wanta qabnu obboloota hidhata amantii keenya taʼaniif kennuu dandeenya. Akkasumas, buusiin goonu akka gaariitti hojii irra akka oolu waan beeknuuf, hojii addunyaa maraatiif yeroo hundumaa buusii gochuu dandeenya.—1 Yoh. 3:17.

7. Yesus gorsa “Waaʼee boriifis hin yaaddaʼinaa” jechuudhaan kenne fakkeenyaan kan ibse akkamitti?

7 Yesus waaʼee nyaata guyyaa guyyaadhaaf nu barbaachisuu yeroo caqasetti, waaʼee wanta hatattamaan nu barbaachisuu dubbachuu barbaadee taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, Waaqayyo biqiltuu bakkeetti argamutti akkamitti akka uwwisu erga dubbatee booda, “Isinitti guddaa caalchisee hin uffisuu ree? Isin warra amantiin itti hirʼatuu dha malee. Kanaafis isin . . . ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa!” jedheera. Gorsa barbaachisaa, “Waaʼee boriifis hin yaaddaʼinaa” jedhu irra deebiʼuudhaan yaada isaa xumureera. (Mat. 6:30-34) Kunis qabeenya jaallachuu mannaa, wantoota buʼuuraa guyyaa guyyaatti nu barbaachisan qabaachuu keenyatti gammaduu akka qabnu argisiisa. Wantoonni nu barbaachisan kun bakka jireenyaa mijataa, hojii wanta maatii keenyaaf barbaachisu guutuuf nu gargaaruu fi fayyaa wajjin haala wal qabateen murtoo gaarii gochuu kan dabalatu dha. Wantoota karaa foonii nu barbaachisan kana argachuuf qofa kan kadhannu yoo taʼe garuu, madaallii keenya eegaa hin jirru jechuu dha. Caalaatti kan nu barbaachisu wantoota hafuuraa ti.

8. Wanti Yesus nyaata guyyaa guyyaadhaaf nu barbaachisu ilaalchisee dubbate wanta baayʼee nu barbaachisu kam nu yaadachiisuu qaba? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

8 Wanti Yesus nyaata guyyaa guyyaadhaaf nu barbaachisu ilaalchisee dubbate, nyaanni hafuuraa akka nu barbaachisu nu yaadachiisuu qaba. Gooftaan keenya, “Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa baʼu hundumaan malee” jedheera. (Mat. 4:4) Kanaafuu, Yihowaan yeroo isaatti karaa hafuuraa akka nu sooru kadhachuu keenya itti fufuu qabna.

“IDAA KEENYA NUU DHIISI”

9. Cubbuun keenya “idaa” kan nutti taʼu akkamitti?

9 Yesus yeroo kan biraatti jecha “cubbuu” jedhutti kan fayyadame taʼus, kadhannaa kana irratti jecha “idaa” jedhutti kan fayyadame maaliifi? (Mat. 6:12, NW; Luq. 11:4) Masaraan Eegumsaa waggaa 60 dura akkana jechuudhaan dhimma kana akka gaariitti ibseera: “Cubbuun seera Waaqayyoo irra darbuudhaan hojjennu idaan Waaqayyoo akka nu irra jiraatu godha. . . . Waaqayyo cubbuu hojjenneef lubbuu keenya nu dhabsiisuu dandaʼa. . . . Walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu addaan kutuudhaan nagaa nuuf kenne nu dhabsiisuu dandaʼa. . . . Isaaf ajajamuudhaan jaalala isaaf kennina; cubbuu hojjechuun Waaqayyoon jibbuu waan taʼeef, yeroo cubbuu raawwannutti idaa jaalalaa nu irra jiru utuu isaaf hin kaffalin hafna.”—1 Yoh. 5:3.

10. Yihowaan cubbuu keenya kan nuuf dhiisu maal irratti hundaaʼee ti? Waaʼee kanaa maaltu nutti dhagaʼamuu qaba?

10 Guyyaa guyyaatti dhiifamni cubbuu nu barbaachisuun isaa, karaa seera qabeessa Waaqayyo cubbuu keenya ittiin nuu haqu, jechuunis aarsaa furii Yesus kan ibsu dha. Furiin kun gara waggaa 2,000 dura kan kaffalame taʼus, akka waan kennaa harʼa nuuf kennameetti iddoo guddaa kennuufii qabna. Namni cubbamaan gonkumaa kaffaluu waan hin dandeenyeef, “gatiin furee” nuuf kaffalame kanaa “sonaan guddaa” dha. (Faarfannaa 49:7-9; 1 Phexros 1:18, 19 dubbisi.) Kennaa guddaa kanaaf, yeroo hunda Yihowaa galateeffachuu qabna. Akkasumas, yaanni “cubbuu koo” utuu hin taʼin “cubbuu keenya” jedhu, qophiin gaarummaa irratti hundaaʼee godhame kun obboloota nuu wajjin waaqeffatan hunda akka barbaachisu argisiisa. Yihowaan wanta karaa hafuuraa ofii keenyaaf qofa barbaachisu utuu hin taʼin, warra nu yakkan dabalatee, wanta karaa hafuuraa warra kaan barbaachisuufis akka yaaddofnu akka barbaadu ifa dha. Yeroo baayʼee cubbuun obboloonni keenya nu irratti hojjetan salphaa taʼuu isaa irra iyyuu, obboloota keenya dhugumaan akka jaallannu argisiisuuf, akkasumas akkuma Waaqayyo araara isaatiin cubbuu keenya nuuf dhiisu, nutis dhiifama gochuuf fedhii akka qabnu argisiisuuf carraa nuu bana.—Qol. 3:13.

Waaqayyo dhiifama akka sii godhu yoo barbaadde, dhiifama gochuu kee itti fufuu qabda (Keeyyata 11 ilaali)

11. Namootaaf dhiifama gochuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

11 Kan nama gaddisiisu, cubbamoo waan taaneef, namoota irratti yeroo tokko tokko haaloo ni qabanna taʼa. (Lew. 19:18) Waaʼee dhimmichaa nama kan biraatti dubbachuun, namoonni kaan nu irra akka goran waan godhuuf gumii keessatti qoqqoodamni akka jiraatu godha. Haalli kun akka itti fufu kan heyyamnu yoo taʼe, araara Waaqayyootii fi furichaaf dinqisiifannaa kan hin qabne taʼuu keenya argisiisa. Namoota kaaniif dhiifama hin goonu taanaan, Abbaan keenya Yihowaan gatii furii Ilma isaa nuuf fayyadamuu dhiisa. (Mat. 18:35) Yesus akkuma kadhannaa fakkeenya taʼu barsiisee xumureen waaʼee yaada kanaa balʼinaan ibseera. (Maatewos 6:14, 15 dubbisi.) Dhiifama Waaqayyo godhu irraa fayyadamuuf, cubbuu cimaa raawwachuu irraa fagaachuuf carraaquu qabna. Cubbuu cimaa raawwachuu irraa fagaachuun keenya immoo kadhannaa itti aanee jiru dhiheessuuf nu dandeessisa.—1 Yoh. 3:4, 6.

“QORAMATTIS NU HIN GALCHIN”

12, 13. (a) Yesus akkuma cuuphameen maaltu isa irra gaʼe? (b) Qorumsatti yoo galle kan itti gaafatamu numa dha kan jennu maaliifi? (c) Yesus hanga duʼaatti amanamaa taʼuudhaan maal mirkaneesse?

12 Wanta Yesus akkuma cuuphameen isa mudate ilaaluun keenya, “Qoramattis nu hin galchin” jennee kadhachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Yesus hafuura Waaqayyootiin gara lafa onaatti geeffamee ture. Maaliif? “Seexanaan qoramuudhaaf.” (Mat. 4:1; 6:13) Kun nu dinqisiisuu qabaa? Sababii guddaa Waaqayyo Ilma isaa gara lafaatti itti erge yoo beekne nu hin dinqisiisu. Kan isa erge, gaaffii yeroo Addaamii fi Hewwaan ol aantummaa Yihowaa fudhachuu didanitti kaʼeef deebii kennuuf ture. Gaaffiin tokko deebii akka argatuuf yeroon ni barbaachisa. Fakkeenyaaf, karaan Waaqayyo ittiin namoota uume rakkina qaba turee? Namni cubbuu hin dhaalle tokko, utuu inni ‘hamaan’ dhiibbaa isa irraan gaʼuu ol aantummaa Waaqayyoo deggeruu ni dandaʼaa? Akkasumas, akkuma Seexanni jedhe ilmaan namootaa bulchiinsa Waaqayyootiin alatti utuu jiraatanii wayyaaf turee? (Uma. 3:4, 5) Gaaffilee akkasii deebisuun yeroo kan gaafatu taʼus, Yihowaan ol aantummaa isaatti kan fayyadamu karaa faayidaa qabuun taʼuu isaa uumamni samii fi lafa irra jiru hundi akka hubatu godha.

13 Yihowaan qulqulluu waan taʼeef, waan hamaa akka hojjetu eenyuun iyyuu hin qoru. Kanaa mannaa, ‘inni nama qoru’ Diiyaabilosi dha. (Mat. 4:3) Seexanni haalawwan nu qoran akka uumaman gochuu ni dandaʼa. Haa taʼu malee, namni tokko qoramatti of galchuus taʼe of galchuu dhiisuu ni dandaʼa. (Yaaqoob 1:13-15 dubbisi.) Yesus Dubbii Waaqayyoo irraa caqasuudhaan qorumsa isa mudate hundumaa of irraa ittiseera. Karaa kanaan, ol aantummaa Waaqayyoo guutummaatti deggereera. Seexanni garuu abdii hin kutanne. “Hanga yeroo mijaaʼaa gara biraa argatutti isa dhiisee deeme.” (Luq. 4:13, NW) Yesus carraaqqii Seexanni amanamummaa isaa jalaa balleessuuf godhe of irraa ittisuu isaa itti fufee ture. Kiristos ol aantummaan Yihowaa sirrii taʼuu isaa deggereera; akkasumas, qorumsi cimaan yoo isa irra gaʼe iyyuu namni cubbuu hin dhaalle kam iyyuu amanamaa taʼuu akka dandaʼu mirkaneesseera. Haa taʼu malee, Seexanni si dabalatee duuka buutota Yesus hunda kiyyootti galchuu barbaada.

14. Qoramatti akka hin galle maal gochuu qabna?

14 Gaaffiin ol aantummaa Yihowaa ilaalchisee kaʼe amma iyyuu deebii waan barbaaduuf, Yihowaan Seexanni biyya lafaa kanatti fayyadamee akka nu qoru heyyameera. Kana jechuun garuu, Waaqayyo qoramatti nu galcha jechuu miti. Kanaa mannaa nutti amanama; nu gargaaruus ni barbaada. Yihowaan mirga filachuuf qabnu waan nuu kabajuuf, qoramatti akka hin galle dhiibbaa nu irratti hin godhu. Qoramatti akka hin galleef wantoota lama, jechuunis karaa hafuuraa dammaqoo taʼuu fi kadhannaatti jabaachuu qabna. Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu akkamitti?

Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabduu fi hinaaffaa tajaajila irratti qabdu guddifadhu (Keeyyata 15 ilaali)

15, 16. (a) Qorumsawwan kamfaa of irraa ittisuu qabna? (b) Qoramatti yoo galle kan itti gaafatamu eenyu dha?

15 Yihowaan jabina nuu kennuu fi akka qorumsa of irraa ittisnu nu gargaaruuf hafuura isaa isa humna cimaa qabuu nuu kenna. Akkasumas, wantoota barbaachisaa hin taaneef yeroo, qarshii fi humna baayʼee baasuu akka hin qabne dabalatee, wantoota irraa fagaachuu qabnu ilaalchisee karaa Dubbii isaa fi karaa gumii dursee nu akeekkachiisa. Eespenii fi Yaaneen biyya Awurooppaa dureettii taate tokko keessa jiraatu. Kutaa biyya isaanii gargaarsi caalaatti barbaachisu tokko deemanii waggoota hedduudhaaf qajeelchitoota taʼanii tajaajilaa turan. Mucaan isaanii inni jalqabaa yeroo dhalatu qajeelchitoota taʼanii tajaajiluu kan dhaaban yommuu taʼu, amma daaʼima kan biraas qabu. Eespen akkana jedheera: “Akka kanaan duraatti sochiiwwan tiʼookraasii irratti hirmaachuu waan hin dandeenyeef qorumsatti akka hin galle yeroo hundumaa Yihowaa kadhanna. Yihowaan walitti dhufeenya isaa wajjin qabnuu fi hinaaffaa tajaajilaaf qabnu eeguuf akka nu gargaarus isa kadhanna.”

16 Qorumsi gara biraan yeroo harʼaatti nu mudatu poornoogiraafii ilaaluu dha. Qorumsa akkasiitti yoo galle Seexana komachuu hin dandeenyu. Maaliif? Seexannis taʼe addunyaan inni bulchu, fedhii keenyaan alatti wanta tokko iyyuu akka goonu nu dirqisiisuu waan hin dandeenyeefi dha. Namoonni tokko tokko sammuun isaanii wanta gadhee yaaduu isaa akka itti fufu heyyamuudhaan qorumsa kanatti galaniiru. Haa taʼu malee, akkuma obboloonni keenya hedduun gochaa jiran nutis qorumsa kana of irraa ittisuu ni dandeenya.—1 Qor. 10:12, 13.

“HAMAA NU OOLCHI”

17. (a) Kadhannaa isa hamaa jalaa ooluuf kadhannuu wajjin haala wal simuun jiraachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Yeroo dhihootti boqonnaa akkamii arganna?

17 Kadhannaa “hamaa nu oolchi” jedhuu wajjin haala wal simuun jiraachuu yoo barbaanne, “kan biyya lafaa” akka hin taane carraaqqii gochuu qabna. “Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuu” hin qabnu. (Yoh. 15:19; 1 Yoh. 2:15-17) Kana gochuun yeroo hunda walʼaansoo gochuu gaafata. Yeroo Yihowaan Seexana balleessuudhaan, akkasumas biyyi lafaa kun akka darbu gochuudhaan kadhannaa kanaaf deebii kennutti boqonnaa guddaa arganna! Haa taʼu malee, Seexanni samii irraa yeroo darbatametti, yeroon isa hafe gabaabaa akka taʼe akka beeku dagachuu hin qabnu. Baayʼee waan aareef, amanamummaa keenya balleessuuf wanta isaa dandaʼame hunda godha. Kanaafuu, isa jalaa ooluuf kadhachuu keenya itti fufuun barbaachisaa dha.—Mul. 12:12, 17.

18. Badiisa sirna Seexanaa jalaa ooluuf maal gochuu keenya itti fufuu qabna?

18 Yeroo gammachiisaa akkasiitti jiraachuu ni barbaaddaa? Taanaan, Mootummaan Waaqayyoo maqaa Waaqayyoo akka qulqulleessuu fi jaalala isaa lafa irratti akka raawwatu kadhachuu kee itti fufi. Yihowaan wanta karaa hafuuraas taʼe karaa foonii si barbaachisu akka sii guutu isatti amanami. Eeyyee, kadhannaa fakkeenya taʼu kanaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf murtoo godhi.