Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoota Ni Jaallata Ture

Namoota Ni Jaallata Ture

“Keessumaa ilmaan namootaa baayʼee nan jaalladhan ture.” —FAK. 8:31, NW.

1, 2. Wanti Yesus namootaaf jaalala guddaa akka qabu argisiisu maali dha?

ILMI Waaqayyoo, qaama ogummaan Yihowaa inni gadi fagoon guutummaatti ittiin mulʼate isa jalqabaa ti. Yesus ogummaatti fakkeeffameera; akkasumas, Abbaa isaa biratti “hojjetaa isa hangafa” (NW) ture. Yesus yeroo Abbaan isaa “bantiiwwan waaqaa iddoo iddoo isaanii kaaʼee” fi ‘lafa hundeesse’ hammam akka gammade tilmaamuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, Ilmi Waaqayyoo inni hangafni kun, wantoota lubbuu hin qabne kan dinqisiifatu taʼus, ‘ilmaan namootaa baayʼee jaallata ture’ (NW). (Fak. 8:22-31) Eeyyee, Yesus durii kaasee ilmaan namootaatiif jaalala guddaa qaba.

2 Booddees Ilmi Waaqayyoo inni hangafti kun fedhiidhaan ‘ulfina isaa gad dhiisee, akka waan tokkotti hin galle of gochuudhaanii’ fi fakkaattii namummaatiin dhalachuudhaan, Abbaa isaatiif amanamummaa fi jaalala akka qabu, akkasumas ‘ilmaan namootaa’ baayʼee akka jaallatu argisiiseera. Kana kan godhes “lubbuu isaa furii namoota baayʼeedhaaf” kennuuf jedhee ti. (Filp. 2:5-8; Mat. 20:28) Dhuguma iyyuu Yesus ilmaan namootaatiif jaalala guddaa qaba! Yesus yeroo lafa irra turetti dinqiiwwan jaalala inni ilmaan namootaatiif qabu argisiisan akka raawwatu Waaqayyo humna isaaf kenneera. Kanaafuu, Yesus dhiheenyatti guutummaa lafaa irratti wantoota dinqisiisaa akkamii akka raawwatu argisiiseera.

3. Mata duree kana keessatti maal irratti xiyyeeffanna?

3 Yesus gara lafaa dhufuun isaa, ‘misiraachoo mootummaa Waaqayyoo lallabuufis’ isa dandeessiseera. (Luq. 4:43) Yesus, Mootummaan kun maqaa Abbaa isaa akka qulqulleessuu fi rakkina ilmaan namootaa hundaaf furmaata bara baraa akka argamsiisu beeka ture. Sababii guddaan Yesus akka lallabu isa kakaase ilmaan namootaatiif garaadhaa waan yaaduuf taʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Dhimmi kun xiyyeeffannaa keenya harkisuu kan qabu maaliifi? Wanti inni raawwate yeroo gara fuulduraa ilaalchisee amanannaa fi abdii akka qabaannu kan godhu waan taʼeefi. Mee dinqiiwwan Yesus raawwate keessaa arfan isaanii haa ilaallu.

‘HUMNI FAYYISUS YESUSII WAJJIN TURE’

4. Nama lamxaaʼe tokkoo wajjin haala wal qabateen wanta Yesusiin mudate ibsi.

4 Yesus tajaajila isaa itti fufee kan ture siʼa taʼu, dhiheenyatti tajaajilaa kan jiru Galiilaa keessatti dha. Magaalota naannoo sana jiran keessaa ishee tokko keessatti, haala nama gaddisiisu tokkotu Yesusiin mudate. (Mar. 1:39, 40) Fuullee isaatti nama dhukkuba nama sodaachisuun, jechuunis dhukkuba lamxiitiin qabame tokko arge. Luqaas inni ogeessa fayyaa taʼe dhukkubni namichaa sadarkaa guddaa irra gaʼuu isaa waan hubateef, ‘namichi dhagni isaa guutuun akka lamxaaʼe’ dubbateera. (Luq. 5:12) “[Namichi lamxaaʼe kun] Yesusin yommuu arge, adda isaatiin lafa dhaʼee, ‘Yaa gooftaa, fedha kee yoo taʼe na qulleessuu in dandeessa’ jedhee isa kadhate.” Namichi Yesus isa fayyisuuf humna akka qabu beeka ture; wanti inni beekuu barbaade garuu Yesus isa fayyisuuf fedhii qabaachuu fi dhiisuu isaa ture. Yesus gaaffii garaadhaa madde kanaaf deebii akkamii kenne? Nama bifti isaa babbadee taʼuu dandaʼu kana yeroo argu maal yaade laata? Akka Fariisota namoota dhukkuba kanaan qabamaniif garaa hin laafnee taʼaa laata? Utuu si taʼee maal goota turte?

5. Yesus namicha lamxaaʼe yeroo fayyisetti “Fedheera” jechuuf kan isa kakaase maali dha?

5 Namichi lamxaaʼe kun akka Seerri Musee ajajutti “Ani xuraaʼaa dha! Ani xuraaʼaa dha!” jedhee hin iyyine. Yesus garuu waaʼee seera kanaa iyyuu hin kaasne. Kanaa mannaa, namicha sana irrattii fi wanta isa barbaachisu irratti xiyyeeffate. (Lew. 13:43-46) Wanta sammuu Yesus keessa deddeebiʼaa ture sirriitti hubachuu baannus, miira isatti dhagaʼamee ture garuu beekna. Yesus gara laafinaan kakaʼee wanta hin yaadamne tokko godhe. Harka isaa diriirsee namicha lamxaaʼe sana erga qabee booda, sagalee ciminaa fi gara laafina akka qabu argisiisuun, “Fedheera qullaaʼi!” jedheen. Achii “namichi lamxii isaa irraa qullaaʼe.” (Luq. 5:13) Dhuguma iyyuu humni Yihowaa, Yesus dinqii akkanaa akka raawwatu qofa utuu hin taʼin, jaalala guddaa namootaaf qabu argisiisuufis isa dandeessiseera.—Luq. 5:17.

6. Dinqiiwwan Yesus raawwate ilaalchisee wanti xiyyeeffannaa keenya harkisu maali dha? Dinqiiwwan kun maal argisiisu?

6 Humni Waaqayyoo, Yesus Kiristos dinqiiwwan ajaaʼibsiisaa taʼan garaa garaa akka raawwatu isa dandeessiseera. Lamxii qofa utuu hin taʼin, dhibee fi hirʼina qaamaa namoonni qaban kam iyyuu fayyiseera. Macaafni Qulqulluun akkana jedha: “Tuuti sun immoo, warri arraba didaa akka dubbatan, warri kottaaʼan akka fayyan, warri hokkolan akka asii fi achi adeeman, warri jaaman akka argan hubatee in raajeffate.” (Mat. 15:31) Yesus gocha gara laafinaa akkanaa raawwachuuf, kutaa qaamaa namoonni kaan kennanitti fayyadamuun isa hin barbaachisne. Kanaa mannaa, qaamuma miidhame sana fayyisa ture! Kana malees, namoota battalumatti, al tokko tokko immoo fagoodhaa iyyuu ni fayyisa ture. (Yoh. 4:46-54) Fakkeenyonni nama dinqisiisan kun maal argisiisu? Yesus inni samii irratti Mootii taʼe, fayyina bara baraa fiduuf humna qofa utuu hin taʼin fedhiis akka qabu argisiisu. Akkaataan Yesus namoota itti qabe, addunyaa haaraa keessatti raajiin Macaafa Qulqulluu, “Inni isa dadhabaadhaa fi isa wanta barbaachisu dhabeef in ooʼa” jedhu akka raawwatamu amanannaa qabaachuuf nu gargaara. (Far. 72:13) Eeyyee, yeroo sanatti Yesus fedhii namoota rakkatan hunda gargaaruuf qabu ni raawwata.

“KAʼI, SIREE KEE FUDHADHUUTII ADEEMI!”

7, 8. Haala Yesus nama dhukkubsataa bishaan Betzataa bira jiru akka argatu godhe ibsi.

7 Yesus Galiilaatti namicha lamxaaʼe sanaa wajjin erga wal argee jiʼoonni muraasni darbaniiru. Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuuf Galiilaadhaa hamma Yihudaatti deemee ture. Namoonni ergaan Yesusii fi haalli isaa jireenya isaanii tuqe kumaan kan lakkaaʼaman taʼanii taʼuu qaba. Hiyyeessotaaf misiraachicha lallabuuf, namoota boojiʼamaniif gad dhiifamuu labsuuf, akkasumas warra garaan isaanii cabe fayyisuuf fedhii guddaa qaba ture.—Isa. 61:1, 2; Luq. 4:18-21.

8 Yeroo kanatti jiini Niisaan gaʼee ture. Yesus ajaja Abbaa isaa fudhachuudhaan Ayyaana Faasikaa kabajuuf gara Yerusaalem deeme. Namoonni ayyaana kanaaf waan dhufaniif, magaalattiin sochiidhaan guutamtee turte. Mana qulqullummaa irraa kallattii kaabaatiin, bishaan kuufamaan Betzataa jedhamu jira ture; achitti Yesus nama dhukkubsataa tokko argate.

9, 10. (a) Namoonni gara bishaan Betzataa kan dhaqan maaliif ture? (b) Bishaanicha biratti Yesus maal godhe? Kun hoo maal nu barsiisa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

9 Namoonni dhukkubsatanii fi qaamni isaanii hirʼate hedduun gara Betzataa ni dhufu turan. Maaliif? Yeroo bishaanichi sochoʼu namni dhukkubsataan tokko yoo keessa seene, dinqiidhaan ni fayya jedhanii waan amananiifi dha. Miira namoota achi jiranitti dhagaʼamaa ture yaadaa! Namoonni sun abdii kan kutatanii fi kan dhiphatan turan. Yesus inni mudaa fi dhibee qaamaa hin qabne achi akka dhaqu kan isa godhe garuu maali dha? Yesus gara laafinaan kakaʼee nama umurii inni lafa irra itti jiraate caalaa yeroo dheeraadhaaf dhukkubsate tokko argate.—Yohannis 5:5-9 dubbisi.

10 Yeroo Yesus fayyuu kan barbaadu taʼuu isaa isa gaafatutti abdii kutannaa ija namicha dhukkubsate sanaa irratti mulʼatu yaadaan ilaaluu ni dandeessaa? Namichi fayyuu akka barbaadu yeruma sana dubbate. Fayyuu kan barbaadu taʼus namni bishaanicha keessa akka seenu isa gargaaru waan hin jirreef, akkamitti akka fayyu hin beeku ture. Yesusis namichi kun waan hin dandaʼamne akka godhu, jechuunis siree isaa fudhatee akka deemu isa ajaje. Innis akkuma Yesus isaan jedhe, siree isaa fudhatee deemuu jalqabe. Kun, wanta Yesus addunyaa haaraa keessatti raawwatu akka gaaritti kan argisiisu dha! Dinqiin kun, Yesus gara laafessa taʼuu isaas ni argisiisa. Namoota gargaarsi isaan barbaachisu ni barbaada ture. Fakkeenyi Yesus nuu kaaʼe kun, namoota naannoo keenyaa haala rakkisaa addunyaa kanaatiin dhiphatan barbaaduu keenya akka itti fufnu nu kakaasuu qaba.

“EENYUTU UFFATA KOO TUQE?”

11. Maarqos 5:25-34 Yesus namoota dhukkubsataniif garaa akka laafu kan argisiisu akkamitti?

11 Maarqos 5:25-34 dubbisi. Dubartiin kun waggaa 12f jireenya nama saalfachiisu jiraachaa turte. Dhukkubni ishee waaqeffannaa ishee dabalatee guutummaa jireenya ishee irratti dhiibbaa geessisee ture. ‘Ogeessota qorichaa biratti baayʼee kan dhiphattee fi waan qabdu hundumaa kanuma irratti kan fixxe taʼus,’ dhukkubni ishee ittuma hammaachaa deeme. Gaaf tokko garuu dhukkuba ishee irraa fayyuuf karoora adda taʼe baafattee gara Yesus deemte. Namoota baayʼee gidduu seentee uffata Yesus tuqxe. (Lew. 15:19, 25) Yesus humni isa keessaa akka baʼe waan hubateef eenyu akka isa tuqe gaafate. Dubartiin kunis “sodaachaa romʼaa dhuftee miilla Yesus jalatti lafa dhoofte; dhugaa ishee hundumaas isatti himte.” Yesus, Abbaan isaa Yihowaan dubartittii akka fayyise waan hubateef, gaarummaadhaan kan ishee qabe siʼa taʼu, “Yaa intala ko, amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi, dhukkuba keettiis kan fayyite taʼi!” isheedhaan jedhe.

Dinqiiwwan Yesus raawwate, inni waaʼee keenya akka yaaduu fi rakkinni nu irra gaʼu akka isa yaaddessu ifatti argisiisu (Keeyyata 11 fi 12 ilaali)

12. (a) Wanta hanga ammaatti baranne irraa Yesusiin akkamitti ibsita? (b) Yesus fakkeenya akkamii nuu kaaʼe?

12 Yesus gaarummaa guddaa qaba! Namoota dhukkubaan dhiphataniif garaadhaa yaada. Seexanni, eenyu iyyuu akka nu hin jaallannee fi gatii akka hin qabne akka nutti dhagaʼamu gochuu barbaada. Dinqiiwwan Yesus raawwate, inni waaʼee keenya akka yaaduu fi rakkinni nu irra gaʼu akka isa yaaddessu ifatti argisiisu. Inni Mootii fi Angafa Lubootaa miira namaa hubatu dha! (Ibr. 4:15) Miira namoota dhukkuba cimaadhaan qabamanii hubachuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa; keessumaa immoo wanti isaan irra gaʼe nu irra gaʼee hin beeku taanaan kana gochuun ulfaataa dha. Yesus dhukkubsatee kan hin beekne taʼus, miira namoota dhukkubsatanii akka hubatu yaadachuu qabna. Fakkeenyi Yesus hamma nuu dandaʼame akkuma isaa gochuuf kan nu kakaasu haa taʼu.—1 Phe. 3:8.

“YESUS IMIMMAAN ISAA DHANGALAASE”

13. Alaazaar duʼaa kaʼuun isaa waaʼee amala Yesus maal argisiisa?

13 Yesus rakkinni namoota irra gaʼu garaa isaa tuqa ture. Yeroo michuun isaa Alaazaar duʼetti miirri namoota kaanitti dhagaʼame garaa isaa tuqee waan tureef, “hafuuratti dhiphatee garaan isaa raafame.” Miirri akkanaa kan isatti dhagaʼame, Alaazaariin yeroo gabaabaa keessatti duʼaa akka kaasu utuma beekuu ti. (Yohannis 11:33-36 dubbisi.) Yesus miira cimaa isatti dhagaʼame ibsuun isa hin qaanessine. Namoonni isa ilaalaa turan, jaalala inni Alaazaarii fi maatii isaatiif qabu arguu dandaʼaniiru. Yesus humna Waaqayyo isaaf kennetti fayyadamee michuu isaa duʼaa kaasuun isaa gara laafina guddaa akka qabu argisiisa!—Yoh. 11:43, 44.

14, 15. (a) Yihowaan ilmaan namootaa rakkina jalaa baasuuf fedhii guddaa akka qabu kan argisiisu maali dha? (b) Yaadni “awwaala yaadannoo” jedhu xiyyeeffannaa keenya kan harkisu maaliifi?

14 Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo akkuma jirutti [Yesusiin] in mulʼata” jedha. (Ibr. 1:3) Kanaafuu, Yesus dinqiiwwan hojjeteen, innii fi Abbaan isaa dhukkubaa fi duʼa hambisuuf fedhii akka qaban argisiiseera. Dhiheenyatti Yihowaa fi Yesus namoota kan biraa hedduus duʼaa ni kaasu. Yesus, “warri duʼanii awwaalaman . . . awwaala [“awwaala yaadannoo,” NW] keessaa in baʼu” jedheera.—Yoh. 5:28, 29.

15 Dandeettiin yaadachuu Waaqayyo qabu duʼaa kaʼuu irratti gaʼee waan qabuuf, Yesus “awwaala yaadannoo” jechuun isaa sirrii dha. Waaqni waan hundumaa dandaʼuu fi uumama cufa balʼaa kana uume, amala namoonni nu jalaa duʼan uumamaan qabanii fi yeroo booda horatan dabalatee waaʼee isaanii waan hundumaa ni yaadata. (Isa. 40:26) Isaan yaadachuu dandaʼuu isaa qofa utuu hin taʼin, innii fi Ilmi isaa kana gochuuf fedhiis qabu. Alaazaarii fi namoonni duʼaa akka kaʼan Macaafa Qulqulluu keessatti caqasame kaan duʼaa kaʼuun isaanii, wanta addunyaa haaraa keessatti guutummaa lafaa irratti raawwatamu kan argisiisu dha.

DINQIIWWAN YESUS HOJJETE IRRAA MAAL BARANNA?

16. Kiristiyaanonni amanamoon yeroo ammaa jiran mirga akkamii qabu?

16 Amanamoo taʼuu keenya yoo itti fufne, dinqii hunda irra caalu, jechuunis namoonni rakkina guddaa jalaa yeroo oolan ni argina. Waraana Armaagedoon booda baayʼee utuu hin turin, dinqiiwwan kan biraan namoonni fayyaa gaarii akka qabaatan godhan ni raawwatamu. (Isa. 33:24; 35:5, 6; Mul. 21:4) Namoonni fuullee ijaa, kazaraa, kiraanchii, wiilcherii, meeshaa dhagaʼuuf gargaaruu fi wantoota kana fakkaatan yeroo darbatanii gatan yaadaan ilaalaa. Yihowaan namoonni Armaagedoon jalaa oolan fayyaa gaarii akka qabaatan gochuuf sababii qaba. Namoonni badiisa jalaa oolan kun hojii hojjetan qabu. Lafa ishee kennaa Waaqayyoo taate kana guutummaa ishee jannata gochuuf gammachuudhaan hojjetu.—Far. 115:16.

17, 18. (a) Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti kaayyoon Yesus dinqiiwwan itti raawwate inni guddaan maali dha? (b) Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraachuuf carraaqqii gochuu kan qabdu maaliifi?

17 Yesus kanaan dura namoota fayyisuun isaa, abdii gammachiisaa dhukkuba hunda irraa fayyuuf qaban isaaniif cimsuudhaan, “tuuta sonaan baayʼee” jajjabeessa. (Mul. 7:9) Ilmi Waaqayyoo inni hangafni namoota fayyisuun isaa, akka namaaf yaaduu fi ilmaan namootaa hammam akka jaallatu argisiisa. (Yoh. 10:11; 15:12, 13) Gara laafinni Yesus, Yihowaan tajaajiltoota isaatiif dhuunfaatti akka yaadu kan argisiisu dha.—Yoh. 5:19.

18 Ilmaan namootaa aadaa, ciniinsifachaa fi duʼaa jiru. (Rom. 8:22) Addunyaan haaraan Waaqayyo fidu kan nu barbaachisu kanaafi. Achitti namoonni hundi fayyaa guutuu Waaqayyo abdachiise ni argatu. Miilkiyaas 4:2, namoonni fayyan garbummaa cubbuu jalaa birmaduu baʼuu isaaniitiin waan gammadaniif ‘akka jabbii goorana keessaa baʼee gad baʼanii akka burraaqan’ dubbata. Galateeffannaan Waaqayyoof qabnuu fi amantii guddaan abdiiwwan inni kenne irratti qabnu, addunyaa haaraa sana keessa galuuf amma waan dandeenye hunda akka goonu kan nu kakaasu haa taʼu. Dinqiiwwan Yesus yeroo lafa irra turetti raawwate, boqonnaa guddaa ilmaan namootaa bulchiinsa Masiihichaa jalatti dhiheenyatti argatan kan argisiisu taʼuun isaa kan nama jajjabeessu mitii?