Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kiristos—Humna Waaqayyoo Ti

Kiristos—Humna Waaqayyoo Ti

“Kristos humna Waaqayyoo ti.”—1 QOR. 1:24.

1. Phaawulos, “Kristos humna Waaqayyoo ti” kan jedhe maaliifi?

YIHOWAAN haala baayʼee adda taʼeen humna isaa karaa Yesus Kiristos mulʼiseera. Wangeelonni arfan, dinqiiwwan Kiristos hojjete tokko tokko karaa amantii namaa cimsuun gadi fageenyaan ibsu. Tarii, Yesus dinqiiwwan kan biraa hedduus raawwatee taʼuu dandaʼa. (Mat. 9:35; Luq. 9:11) Eeyyee, humni Waaqayyoo karaa Yesus mulʼateera. Phaawulos ergamaan, “Kristos humna Waaqayyoo ti” jechuun isaa sirrii dha. (1 Qor. 1:24) Haa taʼu malee, dinqiiwwan Yesus hojjete jireenya keenya kan tuqan akkamitti?

2. Dinqiiwwan Yesus raawwate irraa maal barachuu dandeenya?

2 Phexros ergamaan, Yesus “dinqii” akka hojjete dubbateera. (HoE. 2:22) Dinqiiwwan Yesus lafa irratti raawwate, eebba guddaa gara fuulduraatti yeroo inni mootii taʼee lafa bulchu argamuuf fakkeenya kan taʼani dha. Akkasumas, Dinqiiwwan Yesus addunyaa haaraa keessatti guutummaa lafaa irratti raawwatu kan argisiisani dha! Eenyummaa isaa fi kan Abbaa isaa gadi fageenyaan beekuufis nu gargaaru. Dinqiiwwan Yesus raawwate keessaa muraasa, akkasumas dinqiiwwan kun jireenya keenya ammaas taʼe isa gara fuulduraa kan tuqan akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

DINQII ARJUMMAA BARSIISU

3. (a) Haala Yesus dinqii isaa isa jalqabaa akka raawwatu godhe ibsi. (b) Yesus arjaa taʼuun isaa Qaanaatti kan mulʼate akkamitti?

3 Yesus cidha gaaʼelaa Qaanaa ishee Galiilaatti argamtutti qophaaʼe tokko irratti dinqii isaa isa jalqabaa raawwate. Namoonni cidha kana irratti argaman isa eegame caalaa baayʼatanii taʼuu dandaʼa. Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe daadhiin waynii jalaa dhumeera. Haadha Yesus kan taate Maariyaam keessummoota keessaa tokko turte. Maariyaam raajiiwwan ilma ishee isa “Ilma Isa Hundaa Olii” (NW) jedhamee akka waamamu beektuu wajjin wal qabatan irratti waggoota hedduudhaaf yaadaa akka turte hin shakkisiisu. (Luq. 1:30-32; 2:52) Maariyaam, humni hanga yeroo sanaatti hin mulʼanne tokko akka isa keessa jiru amantee turtee laata? Maariyaamii fi Yesus hiriyoota gaaʼelaa haaraa kanaaf akka yaadanii fi qaanii irraa isaan oolchuu akka barbaadan beekamaa dha. Yesus keessummoota simachuun itti gaafatamummaa guddaa akka taʼe beeka ture. Kanaafuu, bishaan gara liitira 380 taʼu gara “daadhii waynii isa gaariitti” jijjiire. (Yohannis 2:3, 6-11 dubbisi.) Yesus dinqii kana raawwachuuf dirqamni isa irra jira turee? Lakki. Kana kan godhe namootaaf waan yaaduu fi arjaa taʼuudhaan fakkeenya Abbaa isaa waan hordofuuf ture.

4, 5. (a) Dinqii Yesus jalqaba raawwate irraa maal baranna? (b) Dinqiin Qaanaatti raawwatame waaʼee yeroo gara fuulduraa maal nu barsiisa?

4 Yesus daadhii waynii isa gaarii keessummoota hedduudhaaf taʼu dinqiidhaan isaaniif kenneera. Dinqii kana irraa barumsa akkamii arganna? Yesus fedhiidhaan hojii dinqisiisaa kana raawwachuun isaa, innis taʼe Abbaan isaa miira namootaatiif iddoo guddaa akka kennan nuu mirkaneessa. Abbaanis taʼe Ilmi doqna miti. Yihowaan addunyaa haaraa keessatti qophii gaarii “saba hundumaaf” qopheessuuf arjummaadhaan humna isaatti akkamitti akka fayyadamu mee tilmaamaa.—Isaayaas 25:6 dubbisi.

5 Mee yaadaa! Yeroon wantoonni buʼuuraa namoota barbaachisanii fi fedhiiwwan isaanii kan akka nyaata madaalamaa fi mana jireenyaa gaarii namoota hundumaaf itti guutaman dhihaateera. Wantoota gaggaarii Yihowaan lafa Jannata taatu keessatti arjummaadhaan kakaʼee nuu kunnu hawwiidhaan eeggachuudhaan gammachuun keenya haa dabalu.

Yeroo keenya warra kaaniif yeroo laannu, arjummaa Yesus irraa akka baranne argisiisna (Keeyyata 6 ilaali)

6. Yesus humna dinqii hojjechuuf qabutti akkamitti fayyadamaa ture? Nu hoo gama kanaan fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Yesus yeroo Diyaabilos dhagaa gara buddeenaatti akka jijjiiru isa qoretti, fedhii dhuunfaa isaa guuttachuuf humna dinqii raawwachuuf qabutti fayyadamuu dhiisuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha. (Mat. 4:2-4) Haa taʼu malee, fedhii namoota kaanii guutuuf humna isaatti fayyadameera. Akkuma Yesus, karaa ofittummaa irraa walaba taʼeen warra kaaniif yaaduu kan dandeenyu akkamitti? Yesus tajaajiltoonni Waaqayyoo warra kaaniif akka ‘kennan’ jajjabeesseera. (Luq. 6:38) Namoonni kaan nuu wajjin nyaata akka nyaatanii fi qophii hafuuraa irratti akka hirmaataniif mana keenyatti isaan afeeruudhaan, arjummaa isa amala gaarii taʼe argisiisuu ni dandeenyaa? Gumii booda namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruudhaan, fakkeenyaaf obboleessa kutaa isaa shaakalaa jiru dhaggeeffachuudhaan yeroo keenya arjoomuu ni dandeenyaa? Obboloota tajaajila irratti gargaarsi isaan barbaachisuuf gargaarsa akkamii gochuu dandeenya? Hamma dandeenye wantoota foonii fi wantoota hafuuraa namoota kaaniif arjummaadhaan kennuudhaan Yesus irraa akka baranne argisiisna.

‘HUNDUMTUU NYAATANII IN QUUFAN’

7. Sirni kun hamma jirutti haala akkamiitu jiraata?

7 Hiyyummaan haaraa miti. Yihowaan, hiyyeeyyiin biyya isaanii keessaa akka hin dhabamne saba Israaʼel duriitti himeera. (Kes. 15:11) Yesusis jaarraawwan hedduu booda, “Warra hiyyeessota yeroo hundumaa of biratti argattu” jedheera. (Mat. 26:11) Yesus namoonni hiyyeeyyii taʼan yoom iyyuu lafa irraa hin dhabaman jechuu isaa tii? Lakki; sirni mancaʼe kun hamma jirutti namoonni hiyyeeyyii taʼan lafa irraa akka hin dhabamne dubbachuu isaa ti. Kanaafuu, dinqiiwwan Yesus raawwate yeroo gaarii gara fuulduraatti bulchiinsa Mootummichaa jalatti jiraatuu fi namoonni hundi waan nyaatan itti argatanii quufaniif fakkeenya kan taʼu taʼuun isaa nama gammachiisa!

8, 9. (a) Yesus dinqiidhaan namoota kumaan lakkaaʼaman akka sooruuf sababa kan taʼe maali dha? (b) Seenaa namoonni kumaan lakkaaʼaman akka sooraman dubbatu keessaa wanti si tuqe maali dha?

8 Faarfatichi, “Ati harka kee in diriirsita, fedha warra lubbuu qaban hundumaas in quufsita” jechuudhaan waaʼee Yihowaa dubbateera. (Far. 145:16) ‘Kristos inni humna Waaqayyoo’ taʼe, fakkeenya Abbaa isaa hordofuudhaan yeroo baayʼee harka isaa diriirsuudhaan fedhii duuka buutota isaa quubseera. Kana kan godhe humna waan qabuuf qofa utuu hin taʼin, garaadhaa namoota kaaniif waan yaaduufi dha. Maatewos 14:14-21 haa ilaallu. (Dubbisi.) Duuka buutonni Yesus waan nyaatamu ilaalchisee isaa wajjin mariʼachuuf gara isaa dhufanii turan. Kana kan godhanis waan beelaʼaniif qofa utuu hin taʼin, namoota hedduu magaalota garaa garaatii Yesusiin argachuuf miillaan dhufanii fi beelaʼan, akkasumas dadhabaniif waan yaadaniifi dha. (Mat. 14:13) Yesus maal godha laata?

9 Yesus buddeena shanii fi qurxummii lamaan, dubartootaa fi ijoollee utuu hin dabalatin dhiirota gara 5,000 taʼan soore! Karaa Yesus ijoollee xixinnoo dabalatee guutummaa maatiiwwan sanaa sooruuf gara laafinaan kakaʼee humna dinqii hojjechuuf qabutti itti fayyadame irratti yeroo yaadnu garaan keenya ni tuqama! Namoonni hedduun sun “nyaatanii in quufan.” Kun nyaanni baayʼinaan akka ture argisiisa. Yesus buddeena xinnoo utuu hin taʼin, nyaata namoota hedduu sana quubsuu fi gara mana isaaniitti deebiʼuuf humna isaaniif argamsiisu gaarummaadhaan kakaʼee kenneeraaf. (Luq. 9:10-17) Erga nyaatanii booda buddeena gundoo 12 taʼutu irraa hafe!

10. Hiyyummaa wajjin haala wal qabateen yeroo dhihootti jijjiirama akkamiitu taʼa?

10 Yeroo harʼaa bulchiinsa ilmaan namootaa isa jalʼinaan guutameen kan kaʼe, namoonni miliyoona dhibbaan lakkaaʼaman wantoota buʼuuraa isaan barbaachisan hin argatan. Obboloota keenya keessaa illee tokko tokko wanta ittiin jiraatan kan qaban taʼus, wanta isaan barbaachisu hunda hin argatan. Haa taʼu malee, yeroon namoonni ajajamoo taʼan addunyaa malaanmaltummaa fi hiyyummaan keessa hin jirre keessa itti jiraatan dhihaateera. Humna utuu qabaattee, wantoota namootaaf barbaachisan isaaniif hin guuttuu? Waaqni inni hundumaa dandaʼu humnas taʼe fedhii kana gochuuf isa dandeessisu qaba; kana kan godhu immoo yeroo dhihootti dha. Eeyyee, yeroon boqonnaa itti argannu dhihaateera!—Faarfannaa 72:16 dubbisi.

11. Kiristos yeroo dhihootti guutummaa lafaa irratti humna isaatti akka fayyadamu mirkanaaʼaa akka taatu wanti si godhu maali dha? Kun hoo maal gochuuf si kakaasa?

11 Yesus yeroo lafa irra turetti waggaa sadii fi walakkaadhaaf qofa naannoo xinnoo keessatti hojjete. (Mat. 15:24) Gara fuulduraatti garuu bulchiinsi isaa guutummaa lafaa irratti babalʼata. (Far. 72:8) Dinqiiwwan Yesus hojjete, yeroo dhihootti aangoo isaatti fayyadamuudhaan waan gaarii nuu gochuuf dandeettiis taʼe fedhii akka qabu nuu mirkaneessu. Nuyi dinqiiwwan raawwachuu kan hin dandeenye taʼus, namoonni Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame irratti akka xiyyeeffatan miira hoʼaadhaan gargaaruu ni dandeenya. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman gara fulduraatti yeroo gaariin akka dhufu nuu mirkaneessu. Dhugaa Baatota Yihowaa waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee beekumsa gati jabeessa qabnu waan taaneef, namoota kaanii wajjin haala wal qabateen gatiin ykn dirqamni akka nu irra jiru nutti dhagaʼamaa? (Rom. 1:14, 15) Kana irratti xiinxaluun keenya, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo namoota kaanitti himuudhaaf kan nu kakaasu haa taʼu.—Far. 45:1; 49:3.

HUMNOOTA UUMAMAA TOʼACHUU

12. Yesus akkaataa uumama lafaa sirriitti beeka kan jennu maaliifi?

12 Waaqayyo lafaa fi wantoota ishee irra jiran yeroo uumetti Ilmi isaa inni tokkichi “hojjetaa isa angafaa” (NW) taʼe isaa wajjin ture. (Fak. 8:22, 30, 31; Qol. 1:15-17) Kanaafuu, Yesus akkaataa uumama lafaa sirriitti beeka. Qabeenya lafaa karaa sirrii taʼeen itti fayyadamuu, toʼachuu fi hiruun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe beeka.

Karaa Yesus humna dinqii raawwachuuf qabutti itti fayyadame ilaalchisee wanti si dinqisiisu maali dha? (Keeyyata 13 fi 14 ilaali)

13, 14. Fakkeenya Kiristos humnoota uumamaa toʼachuu akka dandaʼu argisiisu dubbadhu.

13 Yesus yeroo lafa irra turetti humnoota uumamaa toʼachuudhaan “humna Waaqayyoo” akka taʼe argisiiseera. Qilleensi jabaan duuka buutota isaa balaadhaaf saaxilee ture tokko yeroo kaʼetti maal akka godhe haa ilaallu. (Maarqos 4:37-39 dubbisi.) Hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko akkana jedheera: “Jechi Afaan Giriikii [Maarqos 4:37 irratti “qilleensa jabaa” jedhamee hiikame] bubbee cimaa ykn obomboleettii argisiisuuf itti hojjetameera. Bubbee salphaa kan argisiisu miti . . . kanaa mannaa obomboleettii hamaa balaqqeessaa fi duumessa gurraacha keessaa dhufu, rooba cimaa qabuu fi wanta hundumaa daddarbatu kan argisiisu dha.”

14 Mee haala kana yaadaa: Kiristos tajaajila irra waan ooleef baayʼee dadhabeera. Dambaliin bidiruu sana asiif achi raasaa, akkasumas bishaanii fi hoomachi bidirichatti namʼaa jira. Sagaleen obomboleettii sanaa kan jeequu fi bidirichi asii fi achi raafamaa kan jiru taʼus, Yesus rafuu isaa itti fufeera. Boqonnaan isa barbaachisa ture. Duuka buutonni isaa waan sodaataniif Yesusiin dammaqsanii, “Nuʼoo dhumuuf!” jedhanii iyyan. (Mat. 8:25) Yesusis, “Cal jedhi, gab jedhis!” jedhee qilleensaa fi galaana sana ajaje; achiis qilleensi sodaachisaan sun ni dhaabate. (Mar. 4:39) Yeroo kanatti Yesus qilleensii fi galaanni sun akka callisu ajajaa akka jiru hubadhaa. Buʼaan isaa maal ture? ‘Gabii guddaatu taʼe.’ Yesus humna guddaa akka qabu argisiiseera!

15. Waaqni inni hundaa olii humnoota uumamaa toʼachuu akka dandaʼu kan argisiise akkamitti?

15 Kiristos humna isaa Yihowaa irraa argate; kanaafuu, Waaqni inni hundumaa olii humnoota uumamaa guutummaatti toʼachuu ni dandaʼa jennee amanuuf sababii gaʼaa qabna. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu. Yihowaan Bishaan Badiisaa dura akkana jechuudhaan dubbateera: “Ani guyyaa torba booddee guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti bokkaa nan roobsa.” (Uma. 7:4) Haaluma wal fakkaatuun, Baʼuun 14:21, “Waaqayyo . . . qilleensa baʼa-biiftuu isa jabaadhaan galaanicha gara booddeetti in deebise” jedha. Yoonaas 1:4 immoo, “Waaqayyo qilleensa jabaa galaanichatti kaase; bubbeen humna-qabeessis galaanichatti waan kaʼeef markabichi caccabuu bira gaʼe” jedha. Yihowaan humnoota uumamaa toʼachuu kan dandaʼu taʼuu isaa beekuun nama jajjabeessa. Carraan lafti kun gara fuulduraatti qabdu harka amansiisaa keessa jira.

16. Uumaan keenyaa fi Ilmi isaa inni angafti humnoota uumamaa toʼachuu akka dandaʼan beekuun keenya kan nu jajjabeessu akkamitti?

16 Humna addaa Uumaan keenyaa fi Yesus ‘hojjetaan inni angafaa’ qaban irratti yaaduun keenya nu jajjabeessa. Waaqayyoo fi Ilmi isaa waggaa 1,000f lafa irratti yeroo xiyyeeffatanitti, namoonni hundinuu sodaa tokko malee jiraatu. Balaawwan uumamaa nama sodaachisan seenaa darbe taʼu. Addunyaa haaraa keessatti sababii obomboleettii cimaa, lolaa, volkaanoo ykn sochoʼa lafaatiin miidhamna jennee itti sodaannu hin qabnu. Yeroo ‘Waaqayyo namoota gidduu buufatutti’ balaan uumamaa nama ajjeesuu fi naaffisu akka hin jirre yaaduun baayʼee nama gammachiisa! (Mul. 21:3, 4) Humni Waaqayyoo inni karaa Kiristos mulʼatu yeroo Bulchiinsa Barkumeetti humnoota uumamaa akka toʼatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

FAKKEENYA WAAQAYYOO FI KIRISTOS HORDOFAA

17. Karaa Waaqayyoo fi Kiristosiin hordofuu itti dandeenyu keessaa tokko maali dha?

17 Dhugaa dha, akka Yihowaa fi Yesus balaa uumamaa hambisuu hin dandeenyu. Taʼus, hamma tokko humna qabna. Garuu, humna keenyatti akkamitti itti fayyadamna? Karaan inni tokko Fakkeenya 3:27 hojii irra oolchuu dha. (Dubbisi.) Yeroo obboloota keenya irra rakkinni gaʼu isaan jajjabeessuu, akkasumas karaa qaamaa, miiraa fi hafuuraa gargaarsa isaaniif gochuu dandeenya. (Fak. 17:17, hiika bara 1899) Fakkeenyaaf, yeroo balaan uumamaa isaan mudatutti akka dandamatan isaan gargaaruu dandeenya. Obboleettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko erga obomboleettii cimaan mana ishee jalaa diigee booda akkana jechuudhaan galateeffannaa qabdu ibsiteetti: “Karaa qaamaa qofa utuu hin taʼin, karaa hafuuraas gargaarsa waanan argadheef, jaarmiyaa Yihowaa keessa jiraachuu kootti baayʼeen galateeffadha.” Obboleettiin qeenteen abdii akka hin qabne itti dhagaʼamee fi waan gootu wallaaltee turte tokko, manni ishee obomboleettiidhaan erga diigamee booda yaada kennite hubadhaa. Yeroo gargaarsi isheedhaaf godhametti akkana jetteetti: “Ibsuun namatti ulfaata! Wanta natti dhagaʼame guutummaatti ibsuu hin dandaʼu . . . Yihowaa, galatoomi!” Kutaa obboloota warra kaaniif garaadhaa yaadanii taʼuu keenyatti baayʼee gammanna. Wanti caalaatti nu gammachiisu immoo, Yihowaa fi Yesus Kiristos dhugumaan saba Waaqayyootiif kan yaadan taʼuu isaa ti.

18. Sababii Yesus dinqii raawwachuuf itti kakaʼe ilaalchisee wanti nama dinqisiisu maali dha?

18 Yesus tajaajila isaa irratti “humna Waaqayyoo” akka taʼe argisiiseera. Haa taʼu malee, warra kaan ajaaʼibsiisuuf ykn faayidaa ofiitiif jecha humna isaatti hin fayyadamne. Dhuguma iyyuu, dinqiiwwan Yesus hojjete jaalala inni namootaaf qabu kan argisiisani dha. Waaʼee kanaa mata duree itti aanu irratti ilaalla.