Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Kiingizliin Erga Dandaʼee, Anis Nan Dandaʼa!”

“Kiingizliin Erga Dandaʼee, Anis Nan Dandaʼa!”

KIINGIZLIIN gateettii isaa ennaa tuqan, dubbisa Macaafa Qulqulluu Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii irratti yeroo jalqabaatiif dhiheessu dubbisuu jalqabe. Qubee tokko irra iyyuu utuu hin utaalin jechoota hunda sirriitti dubbise. Garuu Macaafa Qulqulluu isaa ilaalaa kan hin dubbisne maaliifi?

Kiingizliin Sirii Laankaa kan jiraatu siʼa taʼu, iji isaa arguu hin dandaʼu. Dhagaʼuunis isa rakkisa; akkasumas, asiif achi kan deemu wiilcheriitti fayyadamee ti. Namni kun waaʼee Yihowaa barachuu fi Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii irratti hirmaachuuf gaʼumsa qabaachuu kan dandaʼe akkamitti? Mee isinittan hima.

Yeroon jalqaba Kiingizlii wajjin wal argetti, dhugaa Macaafa Qulqulluu hammam dheebotee akka ture arguun koo baayʼee na dinqisiise. Obboloota garaa garaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa kan ture siʼa taʼu, kitaabni isaa Dhugaa Jireenya Bara Baraatti Geessu jedhamuu fi Bireeliidhaan qophaaʼe moofaʼee ture. * Afeerraan ani qayyabannaa isaa akka itti fufu isaaf dhiheesse kan fudhate taʼus, rakkina lamatu nu mudate.

Tokkoffaa, Kiingizliin mana namoota dulloomanii fi hirʼina qaamaa qabaniif qophaaʼe keessa namoota hedduu wajjin jiraata ture. Manicha keessa wacni waan jiruuf, akkasumas Kiingizliin akka gaariitti dhagaʼuu waan hin dandeenyeef, sagalee koo baayʼee guddisee dubbachuun qaban ture. Namoonni manicha keessa jiran hundi qayyabannaa torbanitti goonu dhagaʼuu ni dandaʼu turan!

Lammaffaa immoo, Kiingizliin yeroo qayyabannaa keenyaatti dubbisuu fi hubachuu kan dandaʼu barumsa muraasa qofa ture. Kiingizliin qayyabannaan keenya caalaatti buʼa qabeessa akka taʼuuf, akka gaariitti qophaaʼa ture. Barreeffama qayyabannuu fi caqasoota, Macaafa Qulqulluu isaa isa Bireeliidhaan qophaaʼe irraa dursee irra deddeebiʼee dubbisa; achii deebii gaaffiiwwanii sammuu isaatti qabata ture. Malli kun baayʼee buʼa qabeessa ture. Kiingizliin yeroo qayyabannaa keenyaatti, miilla isaa maratee afata irra taaʼee gammachuudhaan lafa rukutaa wanta barate sagalee isaa guddisee dubbata ture. Utuu baayʼee hin turin, torbanitti guyyaa lama saʼaatii lama lamaaf qayyabachuu jalqabne!

WALGAʼII IRRATTI ARGAMUU FI HIRMAACHUU

Kiingizlii fi Pool

Kiingizliin walgaʼii Galma Mootummaatti godhamu irratti argamuuf fedhii guddaa kan qabu taʼus, kun isaaf salphaa hin turre. Wiilcherii isaa irras taʼe konkolaataa irra baʼuu fi irraa buʼuuf, akkasumas Galma Mootummaa seenuu fi achii baʼuuf gargaarsi isa barbaachisa ture. Taʼus, obboloonni gumicha keessa jiran hedduun isa gargaaruu akka mirga guddaatti ilaaluudhaan, isa gargaaruuf dabaree galanii turan. Yeroo walgaʼiin geggeeffamutti, Kiingizliin ispiikarii gurra isaa bira kaaʼachuudhaan sirriitti kan dhaggeeffatu siʼa taʼu, hirmaannaas ni godha ture!

Kiingizliin yeroo muraasaaf erga qayyabatee booda Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii irratti galmaaʼuuf murteesse. Dubbisa Macaafa Qulqulluu yeroo jalqabaatiif dhiheessuu isaa torban lama dura, kutaa isaa shaakalaa kan jiru taʼuu isaan isa gaafadhe. Amanannaadhaan, “Eeyyee, Obboleessa, gara siʼa 30 shaakaleera” naan jedhe. Carraaqqii isaatti baayʼee akkan gammade itti himeen akka naa dubbisu isa gaafadhe. Macaafa Qulqulluu isaa isa Bireeliidhaan qophaaʼe banee, quba isaa irra kaaʼee dubbisuu jalqabe. Haa taʼu malee, akka yeroo kaanii barreeffamicha irra quba isaa hin deemsisu ture. Guutummaa dubbisichaa sammuutti qabatee ture!

Imimmaan koo dhangalaasaan amanuu dadhabee isa ilaalaa ture. Siʼa 30 qofa shaakaluudhaan sammuutti qabachuu kan dandaʼe akkamitti akka taʼen isa gaafadhe. Innis, “Lakki, guyyaatti siʼa 30n shaakale” naan jedhe. Kiingizliin afata isaa irra taaʼee hanga sammuu isaatti qabatutti jiʼa tokkoo oliif irra deddeebiʼee dubbisuudhaan shaakalaa ture.

Achiis guyyaan inni kutaa isaa Galma Mootummaatti itti dhiheessu ni gaʼe. Kiingizliin kutaa isaa erga dhiheessee booda, gumichi miira hoʼaadhaan harka kan walitti isaaf rukute siʼa taʼu, kutannaan barataa haaraa kanaa hedduun isaanii akka booʼan godheera. Babalʼistuun waan sodaattuuf, mana barumsaa kana irratti kutaa dhiheessuu dhaabde tokko deebitee galmaaʼuuf gaafatte. Maaliif? “Kiingizliin erga dandaʼee, anis nan dandaʼa!” jetteetti.

Kiingizliin waggaa sadiif Macaafa Qulqulluu erga qayyabatee booda Fulbaana 6, 2008tti bishaaniin cuuphamuudhaan Yihowaadhaaf of murteessuu isaa argisiiseera. Kiingizliin hanga guyyaa itti duʼeetti, jechuunis hanga Caamsaa 13, 2014tti amanamummaa isaa eegeera; gara fuulduraatti Jannata keessatti ciminaa fi fayyaa guutuu qabaatee Yihowaa tajaajiluu isaa akka itti fufu amantii qaba ture. (Isa. 35:5, 6)—Pool Makmaanas akka dubbatetti.

^ KEY. 4 Bara 1995tti maxxanfame; yeroo ammaatti hin maxxanfamu.