Mulʼata Yohaannis 22:1-21

  • Laga bishaan jireenyaa (1-5)

  • Xumura (6-21)

    • ‘Kottu! Bishaan jireenyaa tola fudhadhu’ (17)

    • “Gooftaa Yesuus, Kottu” (20)

22  Inni laga bishaan jireenyaa+ teessoo Waaqayyoo fi teessoo Hoolichaa+ keessaa baʼee yaaʼu, isa akka kiristaalii qulqulluu taʼe natti argisiise;  bishaanichi daandii guddaa magaalattii walakkaa gad yaaʼa ture. Lagicha irraa garanaa fi garasiin, mukeetiin jireenyaa jiʼa jiʼaan firii godhachuudhaan waggaatti siʼa 12 firii kennan jiru turan. Baalli mukeetii kanaa saboota fayyisuuf gargaara ture.+  Magaalattii keessa kana booda abaarsi akkamii iyyuu hin jiraatu. Kanaa mannaa, teessoon Waaqayyoo fi teessoon Hoolichaa+ magaalattii keessa taʼa, garboonni isaas tajaajila qulqulluu isaaf ni dhiheessu;  isaan fuula isaa ni argu;+ maqaan isaas adda isaanii irratti ni barreeffama.+  Kana booda halkan hin jiraatu;+ Waaqni keenya Yihowaan* ifa waan isaan irratti ibsuuf,+ ifni ibsaa yookiin ifni aduu isaan hin barbaachisu; isaan baraa hamma bara baraatti mootota taʼanii ni bulchu.+  Inni akkana naan jedhe: “Dubbiin kun amanamaa fi dhugaa dha;+ eeyyee, Yihowaan,* Waaqni inni raajonni hafuuraan geggeeffamanii akka dubbatan godhe,+ wantoota dhiheenyatti raawwatamuu qaban garboota isaatti argisiisuuf maleekaa isaa ergeera.  Kunoo, ani dafeen dhufa.+ Namni dubbii raajii maraa kitaabaa kana keessa jiru eegu kam iyyuu gammadaa dha.”+  Wantoota kana kan dhagaʼee fi kan arge ana Yohaannisi. Yeroon wantoota kana dhagaʼee fi argettis isa waaqeffachuuf miila maleekaa wantoota kana natti argisiisaa turee jalatti nan gombifame.  Inni garuu, “Of eeggadhu! Akkana hin godhin! Ani akkuma kee fi akkuma obboloota kee warra raajota taʼanii fi warra dubbii maraa kitaabaa kana keessa jiru eeganii garbicha dha. Waaqayyoon waaqeffadhu!”+ naan jedhe. 10  Dabalataanis akkana naan jedhe: “Yeroon murteeffame sun waan dhihaateef, dubbii raajii maraa kitaabaa kana keessa jiru irratti chaappaa hin godhin. 11  Namni jalʼaan jalʼina isaa itti haa fufu, namni xuraaʼaanis xuraaʼummaa isaa itti haa fufu; haa taʼu malee, namni qajeelaan qajeelummaa isaa itti haa fufu, namni qulqulluunis qulqullummaa isaa itti haa fufu. 12  “‘Kunoo, ani dafeen dhufa, tokkoon tokkoon namaatiif akka hojii hojii isaatti isaaf kaffaluuf, badhaasni ani kennu ana bira jira.+ 13  Ani Alfaa fi Omeegaa,*+ isa duraa fi isa boodaa, isa jalqabaa fi isa xumuraa ti. 14  Mukeetii jireenyaa+ irraa nyaachuuf mirga akka qabaatanii fi karaa karrawwan ishii gara magaalattiitti seenuu akka dandaʼaniif,+ warri uffata isaanii miiccatan gammadoo dha.+ 15  Saroonni,* warri gocha hafuurota hamoo raawwatan, warri halaleen,* warri nama ajjeesan, warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan, akkasumas warri soba jaallatanii fi warri sobduun hundi ala jiru.’+ 16  “‘Ani Yesuus faayidaa gumiiwwaniitiif jedhee waaʼee wantoota kanaa isiniif dhugaa baʼuuf maleekaa koo ergeera. Ani hiddaa fi sanyii Daawiti;+ akkasumas bakkalcha+ ifa guddaa qabu dha.’” 17  Hafuurichii fi misirrittiin,+ “Kottu!” jechaa jiru; kan dhagaʼu hundis, “Kottu!” haa jedhu; kan dheebote hundi haa dhufu;+ kan barbaadu hundi bishaan jireenyaa tola haa fudhatu.+ 18  “Ani nama dubbii raajii maraa kitaabaa kana keessa jiru dhagaʼu hundumaatiif dhugaa nan baʼa: Namni kam iyyuu wantoota kana irratti yoo dabale,+ Waaqayyo dhaʼichawwan maraa kitaabaa kana keessatti barreeffaman+ isatti ni dabala; 19  namni kam iyyuu dubbii raajii maraa kitaabaa kana keessa jiru irraa wanta tokko illee yoo hirʼise, Waaqayyo mukeetii jireenyaa+ fi magaalaa qulqulluu+ maraa kitaabaa kana keessatti barreeffaman keessaa qooda isaa ni hirʼisa. 20  “Inni waaʼee wantoota kanaa dhugaa baʼu, ‘Eeyyee, ani dafeen dhufa’+ jedha.” “Ameen! Gooftaa Yesuus, kottu.” 21  Gaarummaa guddaan Gooftaa Yesuus qulqullootaa wajjin haa taʼu.

Miiljaleewwan

Ykn., “A fi Z.” Alfaa fi Omeegaan qubeewwan Afaan Giriikii jalqabaa fi dhumaa ti.
Jechuunis, warri gochi isaanii Waaqayyo duratti jibbisiisaa taʼe.
Ibsa Jechootaa ilaali, “Halalummaa.”