Faarfannaa 67:1-7

  • Guutummaan andaara lafaa Waaqa ni sodaata

    • Daandiin Waaqaa ni beekama (2)

    • ‘Namoonni hundi Waaqa haa jajatan’ (3, 5)

    • “Waaqayyo nu eebbisa” (6, 7)

Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Faarfannaa. 67  Waaqayyo gaarummaa nutti argisiisa, nu eebbisas;Inni fuula isaa nu irratti ibsa;+ (Seelaa)   Kunis, daandiin kee guutummaa lafaa irratti,Gochawwan fayyinaa kees saboota hundumaa gidduutti akka beekamuufi.+   Yaa Waaqayyo, namoonni si haa jajatan;Namoonni hundi si haa jajatan.   Ati haqaan namootaaf murtii waan kennituuf,+Saboonni haa gammadan, haa ililchanis.+ Ati saboota lafa irra jiraatan ni geggeessita. (Seelaa)   Yaa Waaqayyo, namoonni si haa jajatan;Namoonni hundi si haa jajatan.   Lafti oomisha ishii ni kenniti;+Waaqayyo, Waaqni keenya nu eebbisa.+   Waaqayyo nu eebbisa,Guutummaan andaara lafaas isa ni sodaata.*+

Miiljaleewwan

Ykn., “isaaf ulfina ni kenna.”