Faarfannaa 19:1-14

  • Uumamnii fi seerri Waaqayyoo ragaa ni baʼu

    • “Samiiwwan ulfina Waaqayyoo ni labsu” (1)

    • Seerri Waaqaa inni mudaa hin qabne humna haaressa (7)

    • “Cubbuu ani hin hubanne” (12)

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit. 19  Samiiwwan ulfina Waaqayyoo ni labsu;+Hawaan hojii harka isaa ni lallaba.+   Guyyaa guyyaa dubbiin isaanii ni madda,Halkan halkanis beekumsa mulʼisu.   Dubbiin hin jiru, jechis hin jiru;Sagaleen isaanii hin dhagaʼamu.   Taʼus, sagaleen* isaanii guutummaa lafaa irratti,Ergaan isaaniis hamma andaara lafaatti* dhagaʼameera.+ Inni samii irratti aduudhaaf dunkaana dhaabeera;   Ishiin akka misirroo diinqa misirroo keessaa baʼuu ti;Akka goota dorgommii fiigichaa fiigaa jiruuttis ni gammaddi.   Ishiin fiixee samii isa tokko irraan baateeGara fiixee isa kaaniitti naannofti;+Wanti hoʼa ishii jalaa dhokatu tokko illees hin jiru.   Seerri Yihowaa mudaa hin qabu,+ humna namaa haaressa.*+ Yaadachiisni Yihowaa kan amanamu dha,+ isa muuxannoo hin qabne ogeessa godha.+   Qajeelfamni Yihowaa qajeelaa dha, garaa namaa gammachiisa;+Ajajni Yihowaa qulqulluu dha, ija namaa ibsa.+   Yihowaa sodaachuun+ taliila,* bara baraaf jiraata. Murtiiwwan Yihowaa dhugaa dha, guutummaatti qajeeloo dha.+ 10  Isaan warqii caalaa,Warqii gaarii* hedduu caalaas gatii guddaa qabu;+Damma caalaa, nadhii dammaa dhaaba dammaa keessaa coccophu caalaas ni miʼaawu.+ 11  Tajaajilaan kee isaan irraa akeekkachiisa argata;+Isaaniin eeguunis badhaasa guddaa argamsiisa.+ 12  Dogoggora hubachuu kan dandaʼu eenyu?+ Cubbuu ani hin hubanne irraa qulqulluu akkan taʼe beeksisi. 13  Tajaajilaa kee gochawwan of tuulummaadhaan raawwataman irraa eegi;+Isaan akka na moʼan hin heyyamin.+ Anis guutuu nan taʼa,+Cubbuu ija jabinaan raawwatamu* irraas walaba nan taʼa. 14  Qarsaa koo+ fi furii+ koo kan taate Yaa Yihowaa,Wantin afaan kootiin dubbadhuu fi wantin garaa kootti yaadu kan si gammachiisu haa taʼu.+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “wadaroon safaraa.”
Ykn., “lafa oomisha kennituutti.”
Ykn., “lubbuu haaressa (namatti deebisa).”
Jechuunis, qulqulluu.
Ykn., “qulqulleeffame.”
Ykn., “balleessaa hedduu.”