Faarfannaa 150:1-6

  • Wanti hafuura baafatu hundi Yaahiin haa jajatu

    • Halleeluyaah! (1, 6)

150  Yaahiin jajadhaa!*+ Iddoo isaa isa qulqulluu keessatti Waaqayyoon jajadhaa.+ Samii isa jabina isaa mulʼisu* keessatti isa jajadhaa.+   Hojiiwwan isaa warra jajjaboo taʼaniif isa jajadhaa.+ Guddina isaa isa gita hin qabneef isa jajadhaa.+   Sagalee xurumbaa+ dhageessisuudhaan isa jajadhaa. Meeshaa muuziqaa ribuu qabuu fi baganaadhaan+ isa jajadhaa.   Dibbeedhaan,+ walitti marsitanii shubbisaas isa jajadhaa. Meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii+ fi ululleedhaan*+ isa jajadhaa.   Siimbaalii* sagalee guddaa qabuun isa jajadhaa. Siimbaalii walitti rukutamuun+ isa jajadhaa.   Wanti hafuura baafatu hundi Yaahiin haa jajatu. Yaahiin jajadhaa.*+

Miiljaleewwan

Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “jabina isaatiif ragaa baʼu.”
Ykn., “faaggaadhaan.”
Siimbaaliin meeshaa muuziqaa sibiila irraa hojjetamuu fi yeroo walitti rukutamu sagalee guddaa dhageessisu dha.
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.