Faarfannaa 21:1-13

  • Eebba mootiin Yihowaatti amanamu argatu

    • Mootichaaf umurii dheeraan ni kenname (4)

    • Diinonni Waaqaa ni moʼamu (8-12)

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit. 21  Yaa Yihowaa, jabina keetiin mootichi ni gammada;+Inni gochawwan fayyinaa keetti baayʼee gammada!+   Ati fedhii garaa isaa isaaf ni guutte,+Kadhata afaan isaas isa hin dhowwanne. (Seelaa)   Eebbawwan hedduudhaan isa simatte;Gonfoo warqii gaarii* irraa tolfames mataa isaa irra keesse.+   Inni jireenya si kadhate,Atis jireenya dheeraa,* eeyyee, jireenya bara baraa isaaf ni kennite.+   Gochawwan fayyinaa kee ulfina guddaa isaaf argamsiisu.+ Atis kabajaa fi simboo isaaf ni kennite.   Bara baraaf kan eebbifame akka taʼu ni goota;+Gammachuu isaa wajjin taʼuu keetiin argamuun* akka gammadu ni goota.+   Mootichi Yihowaatti amanama;+Jaalala amanamaa Isa Hundaa Oliitiin kan kaʼes inni matumaa hin raafamu.*+   Harki kee diinota kee hundumaa ni qabata;Harki kee mirgaas warra si jibban ni qabata.   Yeroo murteeffametti yommuu xiyyeeffannaa isaaniif kennitu akkuma iddoo ibiddaa bobaʼaa jiruu isaan ni goota. Yihowaan dheekkamsa isaatiin isaan ni liqimsa, ibiddis isaan ni nyaata.+ 10  Ati sanyii* isaanii lafa irraa,Ijoollee isaaniis ilmaan namootaa gidduudhaa ni balleessita. 11  Isaan si irratti hamaa hojjechuu yaadaniiru;+Karoora hamminaa hin milkoofnes qopheessaniiru.+ 12  Iddaa* kee isaan irratti* akeekkachuudhaan,Duubatti akka deebiʼan ni goota.+ 13  Yaa Yihowaa, jabina keetiin kaʼi. Nuti guddina keetiif faarfannaa galataa ni faarfanna.*

Miiljaleewwan

Ykn., “qulqulleeffame.”
Kal., “dheerina guyyootaa.”
Kal., “Gammachuu fuula keetiin.”
Ykn., “hin gatantaru.”
Kal., “firii.”
Kal., “wadaroo iddaa.”
Kal., “fuula isaaniitti.”
Kal., “ni faarfanna, muuziqaas ni qopheessina.”