Faarfannaa 8:1-9

  • Ulfina Waaqa fi ulfina namaa

    • “Maqaan kee akkam ulfina qabeessa dha!” (1, 9)

    • ‘Namni duʼu gatii maalii qaba?’ (4)

    • Namni simboo gonfateera (5)

Geggeessaa muuziqaatiif; Giitiititti.* Faarfannaa Daawit. 8  Yaa Gooftaa keenya Yihowaa, guutummaa lafaa irratti maqaan kee akkam ulfina qabeessa dha! Ati simboon kee samiiwwan irra illee kan caalu akka taʼu gooteetta!*+   Diinota keetiin kan kaʼe,Dubbii afaan ijoollee fi afaan daaʼimmanii keessaa baʼuun+ jabina kee ni argisiiste;Kanas kan goote, namoota hamoo fi warra si morman cal jechisiisuufi.   Samiiwwan warra hojii quba keetii taʼan,Addeessaa fi urjiilee warra ati tolchite yommuun ilaalu,+   Akka isa yaadattuuf namni duʼu maali dha? Akka isa kunuunsituufis ilmi namaa maali dha?+   Ati warra akka waaqaa taʼan* irra xinnuma isa xiqqeessite,Ulfinaa fi simboos isa gonfachiiste.   Hojiiwwan harka keetii irratti ol aantummaa isaaf ni kennite;+Wanta hundumaas miila isaa jala isaaf ni galchite.   Bushaayeewwanii fi loon hundumaa,Akkasumas bineensota bosonaa,+   Allaattiiwwan samii fi qurxummii galaanaa,Wanta daandiiwwan galaanotaa keessa darbu hundumaas miila isaa jala isaaf ni galchite.   Yaa Gooftaa keenya Yihowaa, guutummaa lafaa irratti maqaan kee akkam ulfina qabeessa dha!

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “Ati isa ulfinni kee samiiwwanii olitti dubbatame dha.”
Ykn., “maleekota.”